Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daangaa US fi Meeksikoorratti dawaan dhoksaan oomishamaa ture hedduun qabame
Dhaabbati Eegumsa Daangaa fi Gumuruukaa Yuunaayitid Isteetis gosa qorichaa sammuu namaa hadoochuun isa balaafamaadha jedhame 'fentanyl' daangaa Meeksikoorratti qabuusaa beeksissera.
Qaamoleen Nageenyaa Daangaa US-Meeksikoo irratti dawaa sammuu namaa hadoochaan akkasumallee si'eessan kan 'fentanyl' jedhamu kiilogiraama 114 fi kan 'methamphetamine' jedhamu ammoo kiilogiraama 177 qabuusaanii beeksisaniiru.
Fulaa sakatta'iinsaa daangaa Araayizoonaa- Meeksikoo irratti ajajaa kan ta'an Michael Humphries ''daakuu fakkeessanii konkolaataa fe'umsaa guddaa keessatti qoricha fe'aa turan''jedhan.
Konkolaachisaan Meeksikoo keessaa qoricha fe'ee ba'es to'annoo seeraa jala ooleera, daddabarsa qorichoota seeraan alaatiinis himati irratti banameera jedhan.
Akka Obbo Humphries jedhanitti qorichi gosa 'fentanyl' kan isaan to'annoo jala oolchan muraasni isheellee balaa guddaa namarraan waan geessistuuf, daddabarsi qoricha kanaa akka waan gabaa gurraachaarratti doolaara miiliyoona 3.5 dhabaniitti ilaalama.
Ragaan giddu gala to'annoo dhibee kan Yuunaayitid Isteetis akka mul'isutti qorichi gosa 'fentanyl' dhoksaadhaan hawaasa keessa tamsa'uusaatiin bara 2016 keessa lubbuun namoota 18,000 darbeera.