Gamtaan Awurooppaa qoricha farra ilbiisotaa neonicotinoids jedhamu hambisuuf jedha

Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa walga'uun itti fayyadama qoricha farra ilbiisotaa neonicotinoid jedhamu guutummaatti Awurooppaa keessaa hambisuurratti yaada ni kennu.

Qorannooleen saayinsii ba'an akka mul'isanitti qoricha farra ilbiisotaa fayyadamuun hir'achuu lakkoobsa kanniisotaa fi ilbiisota polineessitoota ta'an biroof sababa ta'aniiru.

Tarkaanfiin kun sochii ilbiisota baraaruuf jecha bara 2013 eegalamee itti jiramu dheeressuuf karoorfameeti.

Qorichi farra Ilbiisotaa Neonicotinoids addunyaan bal'inaan kan itti fayyadamtuudha. Garuu miidhaan kanniisarra ga'uu eegale qorattootaa fi saayintistoota hedduu yaaddessee jennaan akka dhorkamuuf murteessatti jiru warri Gamtaa Awurooppaa

Dhorkaan kun kan raawwatamu biqiloota akka boqqollo, qamadii fi midhaan zayitaarratti.

Gochi kun sochii dhiyeenya gabaasa Abbaa Taayitaa Nageenyummaa Nyaataa Awurooppaatiin baayyee kan si'ateedha.

Dhimmi biraan akka gamtichi irratti mari'atu biyyoota Awurooppaa kakaasemmoo dawaa farra ilbiisotaa fayyadamuurratti Biriiteen qalbii jijjiirrachuusheeti.