Kaalifoorniyaatti namoonni qaawwa dhumdhuma tokko hin guutne tolfachuun mana hidhaatii miliqan

Saantoos Saamu'eel Foneeskaafi Jonaataan Salaazaar

Madda suuraa, Monterey County Sheriff's Office

Ibsa waa'ee suuraa, Saantoos Saamu'eel Foneeskaafi Jonaataan Salaazaar

Kaalifoorniyaatti namoonni yaka ajjeechaan shakkamanii mana hidhaa turan kun lamaan mana murtiitti dhiyaatu jedhamee eegamaa turullee qaawwa dhumdhuma tokko hin guutne uruudhaan miliqan.

Poolisiin suuraawwan tooftaa ajaa'ibaa ittiin namoonni ajjeechaan shakkamanii hidhaa turan kunneen mana hidhaa Kaalifoorniyaa kana keessaa bahan gadi dhiiseera.

Shakkamtoonni miliqan kunneen Saantoos Saamu'eel Foneeskaa nama jedhamu umuriin isaa waggaa 21 ta'eefi Jonaataan Salaazaar kan umuriin isaa waggaa 20 ta'edha.

Jarri kun karaa mana fincaanii keessaan baaxii manaa ballinni isaa dhumdhuma tokko hin guutne ykn meetira walakkaa ta'e qaawwa uruudhaan mana hidhaa magaalaa Salinaas jedhamtu kibba Saan Firaansiiskootti argamtu keessaa miliquu danda'aniiru.

Qondaalonni poolisii naannoo sanaa akka jedhanitti namoonni kunneen lamaan tooftaa fiilmii Ameerikaatti beekamu "blind sport" jedhu fayyadaman.

Dilbata darbe kana yeroo mana hidhaatii miliqanitti jarri lamaanuu yakka ajjeechaan shakkamanii mana murtiitti dhiyaachuuf turan.

"Nuti baayyee gaddina. Namoota mana hidhaa keenya keessa hin jirretu yakka ajjeechaan shakkamee akka dhiyaatuuf eegama," jedhe Dubbi Himaan Poolisii magaalichaa Jonaataan Tornibarg.

Qaawwa meetira walakkaa ta'u shakkamtoonni kunneen uranii miliqan

Madda suuraa, Monterey County Sheriff's Office

Ibsa waa'ee suuraa, Qaawwa meetira walakkaa ta'u shakkamtoonni kunneen uranii miliqan

Aanga'oonni shakkamtoota miliqan barbaadaa kan jiran yoo ta'u, hidhannoo qabaachuu waan danda'aniif baayyee rakkoo hamaa uumuullee danda'u jedhu.

Waajirri poolisii magaalaa sanaa nama shakkamtoonni kunneen bakka jiran eeruu kenneef dolaara 5000 akka kennuuf waadaa galeera.

Shakkamtoonni kunneen akkamiin miliqanii?

Shakkamtoonni kunneen mana fincaanii gama eegdonni isaan arguu hin dandeenyeen uran, jedhu qondaalonni poolisii.

Qaawwi isaan uran kun ballinni isaa lamaan isaanii akka hulluuqan gargaareera.

Suura qaawwa baaxii manaa shakkamtoonni kunneen uranii miliqan agarsiisu

Madda suuraa, Monterey County Sheriff's Office

Ibsa waa'ee suuraa, Suura qaawwa baaxii manaa shakkamtoonni kunneen uranii miliqan agarsiisu

Qaawwi isaan uran kun ammoo gara ujummoowwaniifi ulaa banaa suphamaarra jiruutti kan geessudha.

Shakkamtoonni kun hanga karra banaa suphuuf baname ga'anitti qaawwa kana keessa daa'imanii miliqan.

Naannoo suphamaa jiru shakkamtoonni daa'imanii dhufanii itti bahan

Madda suuraa, Monterey County Sheriff's Office

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo suphamaa jiru shakkamtoonni daa'imanii dhufanii itti bahan
Presentational white space

Karri banamaan kan ture ammoo karaa dugda duuba mana hidhaa sanaati. Karaa dugda duubaa sanaan ammoo dallaan akka namni darbuu hin dandeenyetti ijaarame hin jiru jedhu aanga'oonni.

Namoonni kunneen maaliin himataman?

Shakkamtoonni lamaanuu yakka ajjeechaa addatti bara darbe raawwatameen walqabatee ture kan to'annoo jala oolfaman. Fonseekaan nama Loreenzoo Gomeez Akostaa jedhamu umurin isaa waggaa 37 ta'eefi Irnestoo Gaarshiyaa Kiruuz jedhamu umuriin isaa waggaa 27 ta'e bara 2018 keessa garaa garummaa guyyaa afurii gidduutti ajjeesuun himatame.

Salaazaar ammoo Onkoloolessa 2017 nama Jaa'im Maartiineezitti dhukaasee ajjeesun himatame.

Akka Loos Anjalas Taayims gabaasetti garuu namoonni lamaanuu nuti yakkamtoota miti jechuun waakkataniiru.

Ulaa shakkamtoonni ittiin miliqan

Madda suuraa, Monterey County Sheriff's Office

Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa shakkamtoonni ittiin miliqan