Ajjeechaa El Paso: Jaarsi awaala haadha warraasaarratti baay'ina namoota argamaniin naasifaman

Antonio Basco in front of his wife's casket

Madda suuraa, Getty Images

Antooniyoo Baaskoo kan halleellaa torbaan muraasa dura Teksaasiitti raawwatameen haatii warraasaanii jalaa ajjeefamte, fira waan hin qabneef hawaasni naannichaa akka argamaniif affeeranii ture.

Lakkoofsi namoota kan maanguddoon kun eeganiin ol ta'uun bakki sirni kun itti gaggeefamu gara bakka baldhaa namoot ahedduu keessummeessuu danda'uutti akka jijjiramu ta'eera.

Namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman gara bataskaana sirni awwaalchaa gaggeefamutti ol seenuun hiriira qabatanii sii ha jabeessuu yoo jedhaniin maanguddoon kun naasuun qabee ture.

Baaskoon awwaalcha haadha warraa saanii waggaa 63 irratti qooda fuudhachuuf namoota 700 ta'an bakkeewwan garaa garaatii dhufanii yoo argan, ''Kun amanuuf nama rakkisaa,'' jedhaniiru.

Haati warraasanii Margii Riikaard dhukaasa lafa gabaa Walmart jedhamuutti banameen namoota ajjeefaman 22 keessaa tokko.

Baayyinni namoota jaarsa fira hinqabne kanaan si haa jabeessu jechuuf hiriira qabatee turees waldaa bira darbuun daandii itti aanu bira gaha ture.

Crowds stand in line to pay their respects to Margie Reckard

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni baayyenis guutuu Ameerikaa irraa kan dhufan turan.

Haalaa Hijaazi sirna awwalchaa kanarratti hirmaachuuf Saan Firaansiiskoo irraa imaluun dhufte. Isheen akka jettuutti erga waa'ee seenaa nama kanaa dubbifteen booda dhufte sirnicharratti hirmaachuuf murteessite.

"Baayyeen waan qalbiifi sammuu kiyya keessa galeef dhufee sirnicharratti argamuuf tikeetti xiyyaaraa kutachuun gara El Paso dhufe. Akka Ameerikaa guutuun gaddaa jirtu mullisuu qabna. Hundi keenya gadda keessatti argamna,'' jetti.

Antonio basco greets an well-wishers

Madda suuraa, Getty Images

Akka gabaasa 'New York Times'tti, abaaboo 900 ta'utuu Azhiyaarraa osoo hin hafiin gara sirna awwaalchaa kanaatti ergame.

Kaan ammoo Dayton, Ohio, bakka ajjeechaan jumlaa kan biraa isa kan El Paso booda itti raawwatame irraa ergame.

Kana malees sirni awwaalchaa kun baandii faarfattootaan dabaalamee gaggeefame.

A woman speaks during the funeral of Margie Reckard

Madda suuraa, AFP

Mucaan Margii Riikaard kan gaa'ila biraarraa dhalatu, Diin Riikaard, haatii isaa garaa garummaa bifaa, siyaasaa fi amantaa tokko malee hunda kan jaalattu akka turte himeera.

Akkasumas , 'bakkan ilaalu hundaattu daraaraan arga. Daraaraa hangas baayyatu nan arga jedhee yaadee hinbeeku,'' jedheera.

Antonio Basco and an attendee

Madda suuraa, AFP

Baaskoo fi Riikaard waggaa 22 dura kan walitti dhufan yoo ta'u, jireenyasaanii EL Paso keessatti taasifatan. Isaanis baaburaan Ameerikaa keessa imaluutti baayyee gamadu ture.

''Isheenis jaalala jireenya kiyyaa turte'' jechuun jaalala walii qaban ibsu jaarsi kun.

Erga seenaa Maanguddoo kanaa dhagaheen booda daarektarri sirna awwaalcha biyyattii baasii awwalcha haadha warraa isaanii hunda akka kanfale BBC'tti himeera.

"Haawaasa keenya deeggaruufi jajjabeessuu keenyatti gammachuutuu nutti dhagahama keessattu erga balaan akkasii hawaasa keenya irra qaqabeen booda'' jedhaniiru.

"Hanga danda'ameen deeggarsa muraasa taasisuu barbaaden."

Antonio Basco greets attendees during the funeral of his wife

Madda suuraa, AFP