Teeksaasitti dhukaasa banameen namoonni 20 du'an

Madda suuraa, EPA
Teeksaas magaala El Paso keessatti dhukaasa hidhaatan baneen namoonni 20 du'anii, 26 ammoo madaahan.
Bulchaan Teeksaas Gireeg Aboot dhukaasni magaala El Paso'tti raawwatame kun ''seenaa Ameerikaa keessatti ajjeechaa isa nama hedduu gaaga'edha'' jedhan.
Dhukaasni kan eegalame dhiyeenya daangaa US-Meeksikootti yommuu ta'u, dargaggoon ganna 21 ajjeechaa kanaan shakkamee to'annoo jala ooleera.
Shakkamaan kun jiraataa naannoo Daalaas magaala Aleen ta'uu Poolisiin beeksiseera.
Miidiyaaleen Ameerikaan maqaan shakkamaa kanaa Patriik Kiruusiyees akka jedhamu gabaasaa jiru.
Suurri CCTV kaameraa irraa argame, hidhataan kun Tiishartii uffatee, waan sagalee guddaa gurra irraa ittisus keewwatee akka ture agarsiisa.

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin US Doonaald Traamp haleella kana ''gocha dabeessaati'' jedhaniiru.
Ergaa tiwiitara isaaniirratti barreesaniin ''gocha jibbinsaa raawwatame kan balaaleffachuuf namoota biyya keenyaa hunda waliinin dhaabadha. Namoota nagaa ajjeesuun sababa nama amansiisu kamuu hin qabaatu'' jedhaniiru.
Eenyummaan namoota dhukaasa kanaan ajjeefamanii hanga ammaatti hin ibsamne. Rooyitars Pireezidantiin Meeksikoo Maanu'eel Lopeez Obraadoor lammiileen Meeksikoo sadii dhukaasa kanaan ajjeefamuu himaniiru jechuun gabaaseera.
Poolisii fi FBI ergaan ejjennoo namoota olaantummaa warreen adii faarsu shakkamaa kanaan barreefamee jiraachuuf dhiisuu qorachuutti jiru.
Haleellaan kun hawaasa naannichatti yeroo dheeraaf qubatanii jiraatan Hispanic jedhaman irratti xiyyeefate jedhameera.













