Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattuun kubbaa miilaa Jamaayikaa aalbeedhaan waraanamtee duute
Taphattuun garee biyyaalessaa Jamaayikaa Taaraaniyaa Kilaark magaalaa guddoo biyyattii Kingistanitti waraanamtee duute.
Poolisiin akka jedhutti taphattuun sarara gidduu kuni reefu umriin ishee 20 dha.
Akkuma waraanamteen gara hospitaalaa geeffamtus lubbuun garuu hafuu hin dandeenye.
Qondaaltonni poolisii akka jedhanitti taphattuun kuni mobaayilii irratti nama biraa waliin wal dhabdeeti gaafa Kamisaa rakkoon kuni kan irra gahe. Dubartiin ishee waraante amma hidhaa jirti.
Kilaark kilaba Waatarhaawus jedhamuf kan taphattu yoo ta'u baatii darbe yeroo duraaf biyya ishee bakka bu'un tapha gulaallii Olompikaaf hirmaatte Kubbaatiin 12 fi 1 yeroo injifatan galchii galchiteetti.
Ibsa Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Jamaayikaa Mikaa'el Rikeetis BBC'tti ergeen federeeshinichi guddaa gadduu isaa ibsaniiru.
''Duuni ishee federeeshiniin keenya du'a isheetin baay'ee gadde. Taphattuu qofa miti taphattuu abdii guddaa keessatti agarre turte,'' jedhaniiru.
Federeeshiniin biyyattii deeggarsa barbaachisu harmee isheefi hiriyyoota isheef kan kennu ta'ulle ibsan.