Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Arsenaal Giraanit Zhaakaa 'Aariin mataa na yaabe' jedhe
Dursaan taphattoota Arsenaal Giraanit Zhaakaa erga irra deddeebbiin deeggartootarraa doorsisi haadha warraa fi intala isaa irratti dhaqqabe booda ''aariin mataa na yaabe'' jedhe.
Utubaan Siwizerlaand gaafa Dilbataa tapha Arsenaal Kiristaal Paalaas waliin qabxii qooddate irratti dirree Emireet keessaa yeroo bahu deeggartoonni itti cookaniiru.
Innis yeroo itti cookan gurra cuqqaalate. Achiiti uffata ofirraa baasuun, leenjisaa isaa bira darbee deeme.
Kanaanis, kun amala dursaa taphattoonni agarsiisan miti jedhamuun qeeqameera.
Ergasii booda ibsa miira keesa seene gadhiisen yaada miidiyaa hawaasummaa irrattiifi yeroo taphni gaggeeffamu kennameen ''guddaan gadde'' jedheera.
Arrabsoo arrabsame keessaa muraasa 'haadha warraakee ni ajjeefna' fi 'intalakee osoo kaansariin qabate hawwina' kan jedhan keessa jiru.
Erga rakkoon akkanaa isa mudatee booda yeroo duraaf dubbii dubbaten Zhaakaan, umrii 27, deeggartootatti ''haala sirrii hin taanen' deebii deebise jedheera.
Maanaajarri Arsenaal Unaayi Emiree Zhaakaan akka dhiifama gaafatu gaafatanis inni garuu gaddu isaa himeera.
''Kilaba kana baay'een jaaladha. Dandeettikoo %100 dirree keessas ta'e ala kilabichaaf kennuuf qophiidha,'' jechuun inistaagiraama irratti barresseera.
''Inni namoonni 'miilakee cabsina', 'haadhawarraakee ajjeefna', 'mucaakee kaansariin akka qabatu feena,' yeroo jedhan aariin mataa na yaabe '' jedheera.
Haala kana keessatti haala sirrii hin taaneen deeggartootatti deebii kenne jechuun dhiifama gaafateera.
Zhaakaan yeroo duraaf miti deeggartoonni isaa kan itti cookan. Kunis ta'u, Unaay Emireen isa baatii Fulbaanaa keessa dursaa taphattootaa gochuu isa hin dhorkine. Kanaanis, ganna kilabicha kan gadhiise Laawurent Kosilnii bakka bu'eera.
Haa ta'uu malee, ta'ee gaafa Dilbataa booda Emireen Zhaakaan dursaa taphattootaa ta'ee itti fufuu isaa mirkaneessuu hin barbaadne.