Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa: Yeroo dheeraa booda Piyoongiyaangitti walmorkachuuf
Kibxata har'aa, Kooriyaan Kaabaafi Kooriyaan Kibbaa kubbaa miilaan wal morkachuuf jedhu.
Biyyoonni lamaan yeroo walitti dhufan kan duraa miti garuu yeroo magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaangitti taphatan dhagahame hin beeku.
Kana dura takka qofa bara 1990 biyyoonni lamaan Piyoongiyaangitti taphatan.
Taphni kun kallattiidhaan televijiniin hin darbu, deeggartoonni Kooriyaa Kibbaa irraa dhufanis hin jirani, miidiyaan biyya alaa argamus hin jiraatu
Tuuristoonni Kooriyaa Kaabaa jiranillee tapha kana daawwachuu hin danda'ani.
Haalli walitti dhufeenya biyyoota lamaanii isa duraaniirraa amma wayyoo qaba. Ta'us, Kooriyaan Kaabaa tapha kana akka laayyootti hin ilaaltu.
Fooramii Paasifikitti kan baratan Andiray Abiraahamiyaan BBC'tti akka himanitti taanaan kubbaan miilaa gosa ispoortii Kooriyaa Kaabaa keessatti jaallatamudha.
Taphni garee kubbaa miilaa biyyaalessaa kanneen dhiiraa gidduutti taphatamu kuni galgala keessaa 5:30'tti eegala.
Taphni biyyoota lamaanii waan baratame mitii?
Biyyoonni lamaan miseensota federeeshinii kubbaa miilaa addunyaa hogganu, FIFA, fi Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Eeshiyaa waan ta'anif carraa walitti dhufu qabu.
Bara 1990 illee biyyoonni lamaan Piyoongiyaangitti tapha michummaa taasisaniiru. Inni amma walitti isaan fide garuu gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2022'dha.
Wanni hin baratamne garuu taphni har'aa Kooriyaa Kaabaatti taphatama.
Kana dura, taphoonni isaan taphatan hedduu Kooriyaa Kibbaatti yookiin biyya sadaffaa biraatti taasifama ture.
Fakkeenyaaf, gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2010'f yeroo garee tokko jalatti ramadaman tapha Kooriyaan Kaabaa qabdu lamaanuu gara Chaayinaa dhaqanii, magaalaa Shaangaayitti taphatan.
Yoo ilaalanii jedhani ammallee biyyoonni lamaan waraanatti jiru - waraanni Kooriyaa bara 1953 xumuramus, waliigalteen araaraa mallattaa'e hin jiru.
Kooriyaan Kaabaa faaruu biyyaalessaas ta'e alaabaan Kooriyaa Kibbaa isteediyeemii ishee keessatti akka mirmirfamu hin feetu.
Gareen dubartootaas takkaa qofa Kooriyaa Kaabaatti taphatan. Kunis, yeroo gulaallii Waancaa Eeshiyaaf bara 2017 taphatanidha.
Isaan alatti taphoonni garee dubartootaa hunduu yookiin Kooriyaa Kibbaatti yookiin immoo biyya sadaffaatti taphatame.