Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa umrii 15 gadii Ertiraatti seenaa dalaguufi

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa umrii 15 gadii waraanni biyyoota lamaan gidduutti erga taasifame as yeroo jalqabaaf gara biyya Ertiraa dhaqee taphachuufi.

Waraanni biyyoota lamaan gidduu waggoota 21 dura taasifame gama biyyoota lamaaniinuu gaaga'ama guddaa geessiseera.

Gareen Ertiraatti imalu kuni waldorgommii biyyoonni Bahaafi Gidduugala Afrikaa (Cecafa) irratti hirmaachuufi.

Waldargommii baranaa immoo biyya Ertiraatu qopheesse. Walmorkiinis guyyaa kaleessa kan eegale yoo ta'u torban lamaaf taasifama.

Gaafa Sambataa Itoophiyaan biyya ramaddii B jala jirtu Yugaandaa waliin tapha ishii duraa taasifti.

''Akkuma maatiin walitti dhufetti ilaalla,'' jedhaniiru Dubbii Himaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahun.

''Waldorgommii biyya Ertiraa taasifamutti guddaa gammanne.''

''Waggoota 20 olif adda baanee turre. Kunimmoo obboloota keenya Ertiraa waliin hiriyummaa jabaa ijaaruuf hiree nuuf fideera,'' jedhan.

Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20 booda waggaa darbe walitti dhufun waliigalteen nagaa mallatteessaniiru.

Ramaddii Itoophiyaa

Duraan biyyoonni ramaddii sadii jalatti ramadamanis Jibuutiin hin hirmaadhu waan jetteef ramaddi lama ta'eera.

Itoophiyaan ramaddii B jala biyyoota akka Yugaandaa, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaafi Ruwaandaa waliin ramadamte.

Ertiraan immoo Ramaddii A jala Burundii, Keeniyaa Sudaaniifi Somaaliyaa waliin ramadamte.

Yoo ramaddii isaanii darban Itoophiyaafi Ertiraan walitti dhufani taphatuun isaanii hin hafu.

Kana dura taphattoonni gameeyyii garee biyyaalessaa biyyoota lamaanii walitti dhufanii taphachuuf fedhii agarsiisaniis hanga yoonaa hin taane.