Federeeshinii Kubbaa Miilaa: 'Dirreen akka sirratu mootummaa gaafataa jirra'

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Itoophiyaan dirree kubbaa miilaa sadarkaa idil - addunyaa guutan hinqabdu jechuun Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf guyyoota muraasa dura xalayaa barresseera.

''Dhugaadha. Istaadiyamoota sadarkaa idil - addunyaa guutan hinqabdan jedhaniiru,'' jechuun Dubbii himaan Federeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiru Xilaahun BBC'f mirkaneessaniiru.

Ulaagaa guutuu dhabun kun haaraa miti. Akka qondaalli kuni jedhanitti hamma yoonaayyuu waldada'uudhaan as gahe.

''Kan duraas ta'e kan amma haaraa ijaaraman taphoota idil - addunyaa hafee kan biyya keessaatu keessummeessu akka hindandeenye ni beekna,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Itoophiyaa keessatti dhaabbati istaadiyeemii ijaaruuf itti - gaafatamummaa qabu Komishinii Ispoortii Federaalaati. Bajannis mootummaa biraa ramadamaaf.

Murteen dhaabbata kubbaa miilaa Afrikaa bulchu kuni kilaboota Itoophiyaa yeroo ammaa wal - dorgommii Afrikaa irratti dorgomaa jiran irratti dhiibbaa ni qabaata.

Chaampiyeensliigii Afrikaa irratti kan taphatu Maqalee Kanamaa fi Waancaa Konfedeereshinii Afrikaa irrattti kan taphatu Faasil Kanamaa yoo Itoophiyaan sadarkaa istaadiyeemii ishee fooyyeessite malee biyyoota ollaatti taphachuuf dirqamu.

Sadarkaan istaadiyeemotaa akka fooyya'uuf mootummaan deeggarsa akka taasisuuf Federeshiniin Kubbaa Miilaa irra deddeebiin gaafataa akka jiru Obbo Baahiruun himaniiru.

Akkamin murtaa'e?

Murteen kuni kan dhufe gareen qorattootaa CAF irraa dhufe qondaaltota Itoophiyaa irraas makatee isteediyeemiwwan jaha Itoophiyaa keessa jiran erga ilaaleen booda.

Kunneenis dirree Baahirdaar, Hawaasaa, Dirree Dhawaa, Maqalee, Aday Ababaafi Finfinnee dha.

Daawwannaan kuni kan barbaachisef dorgommii waancaa Afrikaa taphattoonni liigi biyya keessaaf taphatan qofa irratti hirmaatan (Africa Cup of Nations, CHAN) kan bara 2020 qopheessuuf Itoophiyaan waan yaada qabduufi.

Isumayyuu ji'oota muraasa dura dirreewwan qophii waan hin taanef akka dorgommii kana akka hin qopheessine federeeshinichi beeksiseera

Maaltu bade?

Akka gareen kuni qorateefi qondaalli federeeshinichaa nutti himanitti Isteediyeemiwwan Itoophiyaa keessa jiran afur qofatu CAF jalatti galmaa'e.

Isteediyeemiin Finfinnee ulaagaa (standard) guutuu dhabuun komatama. Kanneen alarraa dirree kana irratti taphatuf dhufanis komii akkanaa kaasaa turan.

''Kutaan uffannaa Istaadiyeemii Finfinnee dhiphaadha, margi dhaabame sadarkaa isaa kan hin eegne miti,'' jedhu qondaalli federeeshinichaa.

Dirreen Baahirdaar jiru bakka uffannaa lama qofaa qabaachuufi ibsaan jiraachuu dhabuun halkan taphni akka hin raawwanne ni taasisa. Kunis, akka hanqinaatti ilaalame.

Dirreen Hawaasaa yeroo gareen qorattootaa daawwate bishaan hin turre kan jedhan qondaalli kuni kan Maqalee immoo hin galmoofne jedhan.

Gareen si'a lama dirreewwan biyyattii keessa jiran daawwate rakkoowwan adda addaa qoratee bira gaheera.

Dirreewwan Itoophiyaa CAF jalatti galmaa'an:

  • Istaadiyeemii Finfinnee
  • Istaadiyeemii Hawaasaa
  • Istaadiyeemii Baahirdaar
  • Istaadiyeemii Dirree Dhawaa