Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Isaayyaas Jiraa pireezidantii Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa ta'an
Hunkura yeroo dheeraan booda Obbo Isaayyaas Jiraa pireezidantii Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa ta'uun filamanii jiru.
Pireeziantii itti aanaafi koree hoji raawwachiiftuus filatameera.
Nama ganna 46 lan ta'an obbo Isaayyaas sagalee waliigalaa 145 keessaa 87 argachuun yoo injifatan, morkataan isaanii Obbo Takkaa Asfaawu ammoo sadarkaa lammataan xumuran.
"Hedduu gammadeera, bu'aa bahii yeroo dheeraan booda filannichi goolabamuun isaatuu nama gammachiisaa, abjuu badaan kun xumura argateera," jechuun BBC'tti dubbataniiru Obbo Isaayyaas.
Filannoon federeeshinichaa rakkoo irraa bilisa ta'uu waan dhabeef yeroo afurii ol yeroon akka dheeratu FIFA'n dirqamsiifame.
Filannoo magaalaa Samaraatti filatameen ganama sagalee 66 argachuun injifachuun Obbo Isaayyaas erga labsamee booda, sagalee caalmaa hin arganne jechuun irra debiin akka filatamu ta'eera.
Ulaagaa FIFA'tiin namni tokko injifatuuf sagalee guutuu keessaa harka 50 ol argachuu qaba.
Wal-diddaa tureenis Obbo Isaayyaas fi kaadhimamaan naannoo Uummattoota Kibbaa waltajjicha dhiitanii erga bahanii booda jaarsummaan deebi'an.
Filannoo marsaa duraatiin sagalee gadi-aanaa kan argatan Obbo Juneydii Bashaafi Obbo Asfawu Kaahsaay marsaa lammataa irratti filannoo keessaa of baasanii turan.
Filannoo irra deebii kanaanis Obbo Isaayyaas jiraa sagalee 87 ykn dhibba keessa harka 66 argachuun irra deebiin filatamanii jiru.
Filannoo pireezidantii itti aanaa galgalarra filatameenis Koloneel Awwal Abdurahiim filatamanii jiru.
Leenjisaan garee biyyaalessaa duraanii Obbo Sawunnat Bishaawu koree hoji raawwachiiftuu keessa galanii jiru.
Pireezidantiin Federeeshinii Kubbaa miilaa Afriikaa (CAF) Obbo Ahimad Ahimad bilbilaan Obbo Isaayyaasiin baga gammaddan, CAF Itoophiyaa waliin jira jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaa Gimbiitti bara 1964 kan dhalatan Obbo Isaayyaas hogganaa biiroo Ispoortii aanaaleefi magaalota gara garaa akkasumas itti gaafatamaa kilaba kubbaa miilaa Jimmaa Abbaa Jifaar ta'uun hojjetaaniiru.