Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koriyaan Kaabaa torbe tokkotti yeroo 3ffaaf misaa'eela shaakalte
Kooriyaan Kaabaa misaa'eela fageenya gabaabaa furguggifamuu lama dhukaastee gosa misaayila haaraa ta'u hin hafne jedhan qondaalli Kooriyaa Kibba.
Misaa'eelli Jimaata ganamaan qaraqara baha biyyattirraa kan dhukaafame kun torban tokko keessaatti yeroo sadaffaaf ta'usaati
Biyyattii shaakala addaan hin citne kana gaggeessaa kan jirtuuf karoora Kooriyaan kibbaa fi Ameerikaan shaakala waraanaa gaggeessuuf karoorsaniif deebii kennuuf ta'utu himame.
Kamisa kaleessaa biyyootni akka UK, Faransaayii fi Jarmanii, Ameerikaa fi Kooriyaa kaabaa giddutti ''mariin hiika qabu'' akka egalamuu waamicha dhiyeessaniiru.
Walgahii Mannii Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii balbala cufatanii mariyatanii irratti, Piyoonyaang sagantaa gabbisa niwukilaaraa fi misaayilaa akka diigduuf qoqqobbiin idila addunyaatu irraa kaa'amu qaba jedhameera.
Misaayilli haaraan dhukaafame kun lafatti gadhi dhiyaate kilometira 25 balali'aa ture kun fageenya kilometira 220 imaleera.
Xiinxaltoonnni haala kanaan dura baratameerraa adda ta'een saffisaa akka ture himan.
Dubbi himaan Pirezedantii Kooriyaa Kibbaa, misaayila fageenyaa haaraa furguggifamu kan torban darbe dhukaafame fi haaraa ta'uu hinoollee jedhan.
Qorata olaanaan Federeeshinii saaayintistoota Ameerikaa Ankiit Paandaa iddoon dhukaasa kun haaraa ta'uu himan.
Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dhukaasni tibbanaa kun na hin yaaddessuu. Kan waanuma baratamefi qaama marii hooggaanaa Kooriyaa Kaabaa waliiin tureen wal hinqabatu jedhan.
Maaltu ta'aa jira?
Kooriyaan Kaabaa shaakala waraanaa Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa waliin karoorsiteetti aruudhaan karoora yaa'ii waggaa gamtaan haquu didee ammo ittii akka duubbii duubatti deebistu taasiseera.
Kooriyaan Kaabaa shaakaala kana akka qophii waraanaatti ilaaluun ''diigamuu waliigaltee'' jechuun waamte jirti.
Akkasumas waliigaltee Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Mr. Kiim bara darbe Sigaapporitti kallattin wal arguun mari'atanii waliif mallatteessan diiguudha jetti Kooriyaan Kaaba.
Piyoong yaang shaakalli kun marii gabbisa niwukiraara hiikkachuu danqu danda'a jechuun akeekkachifti.
Ministirri Dantaa alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon Wixata darbe ''mariin kun dafee akka eegalamu abdiin qaba '' jedhanii kan turan yoo ta'u, garuu yaa'iin marii karoorfame hinjiru.