Loltuun Kooriyaa Kaabaa daangaa qaxxaamuree Kooriyaa Kibbaa seene qabame

Kooriyaan Kibbaa loltuu Kooriyaa Kaabaa daangaa biyyoota lamaanii waraana irraa bilisa tahee, eegumsa cimaa qabu ce'uuf jedhu to'annoo jala oolchiteetti.

Kaameeraa dukkana keessa mul'isuun halkaniin qabamuusaa hogganaan waajira ministira mummee Kooriya Kibbaa himaniiru.

Namni eenyummaansaa hin baramne kuni hojiisaa guyyuurra kan ture yoo tahu fedhii Si'oolitti miliquu agarsiisaa tures jedhaniiru.

Namooti baayyeen waggaa waggaan Kooriyaa Kaabaarraa miliquuf haa yaalaniyyuu malee, daangaa biyyoota lamaanii waraanarraa bilisa tahe qaxxaamuruun balaafamaa dha.

Bara 2017tti loltuun Kooriyaa Kaabaa tokko yeroo daangicha ce'uuf jedhu loltuu akkasaatiin al 40 itti dhukaafamee ture.

Taatee kanaan immoo namtichi gaafa Roobii halkan waarii naannoo laga Imjiin Kooriyaa Kaabaa irraa gara Kooriyaa Kibbaatti yaa'uutti qabame.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaas to'annoo jala isa oolchaniiru.

Biyyaa miliquun isaa kuni erga Kooriyaan Kaabaa misaayiloota lama torbee tokko keessatti furguggisteen booda waan dhalate dha.