Muun: Kooriyaan Kaabaa fuula misaayilaashee cufuuf waliigalte

Kiim Joongi-un bakka Kooriyaan Kaabaa itti misaayila yaaltuufi furgugistu isa guddaadha jedhame cufuudhaaf tole jedhaniiru jedhu Pirezedaantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Jaa'ee-in.

Erga Pyongyang keessatti walarganii booda, gaggeessitoonni lamaan "akkaataa ittiin meeshaa nuukilaaraa ittiin hiikkachiisanirratti waliigalteerra ga'aniiru," jedhan Muun.

Akka Obbo Kiim ibsanitti waliigalteen kun peninsullaa keessatti nagaa buusuudhaaf "tarkaanfii cimaadha".

Obbo Kiim dabalataan "yeroo dhiyoo keessatti See'uliin nan daawwadha" jedheen abdadha jedhan - kana gochuudhaafis gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa isa jalqabaa ta'u.

Kooriyaan lamaan daandii baaburaa isaanii gara walii walii isaaniitti banachuudhaaf, maatii addaan ba'an akka deebiyanii walargan eyyamuufi kunuunsa fayyaatiinillee wal tumsuudhaaf karoorfataniiru.

'Kiim See'uliin daawwachuuf'

Pyongyang'tti erga wal , mallatteessanii booda, Obbo Muun akka jedhanitti Obbo Kiim "bakka ogeessonni biyyoonni isaan ilaallatan jiranitti fuula yaalii injinii misaayilaafi bakkaa buufata misaayila itti furgugisan Tongchang-ri jedhamu akka hin deebinetti cufuudhaaf" tole jedhaniiru.

Obbo Kiim bakka buufata misaayilaa Yongbyon cufuufisa waliigalteetti garuu kun yoo Ameerikaan tarkaanfii karaa gama isheetiin fudhatte qofaadha jedhan.

Biyyoonni lamaan Olompikaa Saamerii (Summer Olympics) kan bara 2032 waliin qopheessuufis jedhaniiru.

Miniteerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaafi Dursaan Humna Waraanaa Kooriyaa Kaabaas humna waraanaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti hir'isuudhaaf waliigaltee mallatteessaniiru.

Bara kana keessa Kooriyaan Kaabaa yaa'ii haraaraa walitti fufinsaa Kooriyaa Kibbaafi Ameerikaa waliin taasisaa turteetti.

Garuu yaaliin Kooriyaa Kaabaa meeshaa nuukilaaraa hiikkachiisuu Ameerikaafi Kooriyaa dhiyeenya kana gufachuuf jedhamaa tureera. Ta'us garuu Kooriyaan Kibbaa akka haraarsituutti itti milkoofti jedhamee abdatamaa jira.

Ameerikaafi Kooriyaan Kaabaa walga'ii isaanii seena qabeessa ta'e kan jalqabaa Waxabajji keessa yeroo Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi dursaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un meeshaa nukilaaraa hiikachiisuudhaaf waliigaltee mallateessanii turan.

Yeroo sanarraa jalqabee, jijiiraman xiqaa kan adeemsa ifa hin taaneefi kan yeroo murtaa'ee kennameen hin deemnetu ture.