Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Ameerikaa sadii Kooriyaa Kaabaati hiikaman Tiraampiifi Waaqa galateeffatan
Lammiileen Ameerikaa sadii guyyaa Roobii Kooriyaa Kaabaati hiikaman pirezidant Tiraampiifi ministira dhimma alaa Maayik Pompewoo galateeffatan.
Masaraan Yunaayitid Isteet akka himetti marii Tiraamp fi Kim Jong-un dura waan toltuu agarsiisuuf hiikaman.
Bakki mariin itti taasifamus guyyoota sadii gidduutti ni beekama jedhan Donaald Tiraamp.
Namoonni hiikaman sadii ibsa baasanin kanneen hiikamuu isaaniif gumaatan jedhan galateeffataniiru.
Namoonni sadan kunneen mootummaa farrisaniiru jedhamaniiti kaampii hojjettootaa keessa kan kaa'aman.
Kan isaan hiikamanis yeroo ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteet Maayik Pompewoo marii hoggantootaaf haala mijeessuuf Piyoongyaang jiranittidha.
''Waan isaan gad-lakkiseef Kim Jong-un nan galateeffadha,'' jedhan Donaald Tiraamp.
Namoota hiikaman kanas akka walargan pirezidantichi barreessaniiru.