‘Simbirroonni Masqalaa’ yeroo hunda nu waliin jiraatan kami?

Simbirroonni Masqalaa ji'oota hedduuf erga badanii booda waqxii birraa eeggachuun wallakkeessa Fuulbaanaa akka deebii'anii mul'atan baayyeen keenya kan amannu.

Kanumaa walqabates namni tokko yeroo dheeraaf bade kan mul'ate yoo ta'ee, maal akkuma 'simbira Masqalaa' taatee hoo? jedhama. Jechi kunis osoo hin mullatiin baatiiwwan dheeraaf badu agarsiisuuf kan itti fayyadamnuudha.

Haata'u malees, oggeessi waa'ee simbirroo qoratan Obbo Yilmaa Dassaalanyi garuu ''Akka aadaan jedhedhamu simbirroon Masqalaa kunneen kan badanii tibbama masqalaa mullatan osoo hintaane, kan yeroo hunda nu waliin jiraataniidha,'' jedhu.

Akka jecha oggeessa kanaatti, Itoophiyaatti akka simbirroo Masqalaatti kan beekamu gosa simbira tokkoo qofa osoo hintaane, lakkoofsi isaanii afuriin ol akka ta'an dubbatu.

Kanaafis akka fakkeenyaatti kan eeran simbirroo 'quraa' jedhamuun kan beekaman jiraatanilleen, isaaniyyuu gosa garaa garaa kan qaban ta'u himu.

Gosa sinbirroo Mansiqalaa jedhaman kanneen keessaas, yeroo hedduu kan mullatan isaan xixiqqoofi gosa simbiroo Dimbiixii jedhamuun beekamaniitu akka simbiroo Masqalaatti wamaman jedhu.

Simbirroonni kunnenis haaluma naanootti maqaa garaa garaa qabachu akka danda'an kan dubbattan obbo Yilmaan, jechu Simbirroo masqalaa jedhu kan gosawwan simbira hedduu hammatuudha jedhu.

Gosti simbira kanaas afaan Ingliiziitiin 'Indigo birds' ykn 'Widowbird' jedhamuun akka beekaman, isaan keessaattis gosa garaa garaa jiraachu hima.

Waqti simbirroonni itti mullatan

Waqtiin simbirroonni kunneen itti mullatanis wayita waqtiin roobaa darbee bonni eegalu baayinaan mullatu.

Simbirroonni kunneen irra caalaa sanyii kan sooratan waan ta;aniifu, waqtiin isaan itti mullatan kunis kan miidhaan ballinaan itti argamuufi sinbirronnis kan itti wal horuuf mijatu waan ta;eef baayinaan argamu jedha Obbo Yilmaan.

Simbirroonni kunneen waqxiifi haala qilleensaa irratti hundaa'uun bakkaa bakkatti kan godaanan waan ta'aniif biyyoota biraattis ni argamu.

Obbo Yilmaan akka jedhaniitti, simbirroonni adda addaa waqxiiwwan garaa garaatti keessattuu. Fiixee kaabaatii gara biiyoota afriikaa kan dhufan yoo ta'u yeroo biraatti ammo garuma sana goodaanu jedhu.

Akkasumas gara Itoophiyaas simbirroonni adda addaa waqxiiwwan eeggachuu jiddu gala bahaa, biyyoota Iskaandeeviyaa, Awuurrooppaa bahaafi Ruusiyaa irraa kan dhufan akka jiraniifi isaanis oggeessotaan akka simbirroo godaantootaatti kan beekamniidha jedhaniiru.

Haa ta'u malee simbirroonni masqalaa jedhaman hedduun Itoophiyaafi biyyoota naannooshee kan akka Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaatti akka argaman himama.

Kan nu waliin jiran garuu keessuummaa

Obbo Yilmaan akka jedhaniitti simbirroonni kunneen akka namoonni aadaa jedhan kan badanii deebii'an osoo hintaane kan yeroo hunda naannoo keenya jiraataniidha.

Haalli simbirroonni kunneen Fuulbaanatti akka haaraatti dhufaniitti yaadnu nu taase, waan haalluun umamaan geeddarnee waan bareedaniif ta'u himu.

''Umama simbirroota kanneen hubachu barbaachisa'' kan jedhan Obbo Yilmaan, simbirroota kanneen irratti jijjiramni akkas kan mullatuuf waqxii itti wal horan waan ta'eefiidha jedhu. Yeroon kunis ayyaana masqalaa waliin walitti dhihoo waan ta'eef walitti hidhinsa qabaate jedhu.

Adeemsa umamaa

Baatiin Fuulbaanaa yeroo simbirroo dhaltuun killee itti buusuuf qophooftu waan ta'eef, inni kormaan nyaata dhalaafi inni sooratan naannoo tokkootti kuusuun olkaa'ata. Tibba kanattis batootaan simbira dhiiraa ni dheerata.

Haalluunsaas ni geeddara. Haalluunsaa bareedaa waan ta'uuf namootatti akka simbira haaraatti mullata jedhu Obbo Yilmaan.

Kana malees jijjiramni kun tibba wal hormaataa kanatti akka simbirroo dhaltuun jaalatamuuf gargaaruun alatti, baaleellaansaas waan dheeratuuf simbirroonni biraa isarraa akka fagaatan ni gargaara jedhu. Simbirroon dhiiraa tibba wal hormaataatti dhaltuu hedduu waliin kan olu ta'u dubbatu Obbo Yilmaan.

Egaan jijjirama qaamaa simbirroota kenneeniitu osoo naannoo keenya jiraatanu akka waan yeroo dheeraaf naannichaa badanii waqxii masqalaatti deebii'an nutty fakkeessan jedhu oggeessi simbirroota itti dhiheenyaan qoratan Obbo Yilmaa Dasaalanyi.

Oggeesichi akka jedhaniitti, ''simbirroota dhiheenya keenyatti argaman muxannoo hordoffii taasisu waan hinqabaanneefi wallakkeessa Fuulbaanaa ammo simbirroonni kunneen akkasiin bareedanii waan nu hawwataniifu kan naannoo keenya turan osoo hintaane kan waqxii eeggatanii asi bahan nutty fakkaata.''

Biftiisaaniifi faaruunsaanii waggaa haaraafi caama Fuulbaanaatti eda'ame waan qalbii namoota hundaa hawwatuuf, hunduu ni argaan. Sibrtii haaraan waqxii eeguun akka dhufaniitti amanas.

Simbirroonni simbiroo Masqalaa jechuun waamnuus kan biraatiin adda kan bahan waan inni kormaan haalluu ifaa qabaatuufi dubartiittiin bifa BUnnii Girachaa qabaattuufiidha.

Kanaafu, simbirroonni masqalaa akka namoonni yaadan yeroo dheeraaf badanii keessummoota baatii Fulbaanatti qofa mullatan osoo hintaane, numa waliin jiraatanii haala umamaatiin haalluun baleellaa isaanii geedaramu, simbirroota nu waliin jiraatan jedhaniiru.