Bineensoota gurguddootatu waancaa Afriikaatiif wal morkaa jira

Waancaa Afriikaa torban dhufan sadiif Masriin keessummeessitu irraatti gareewwan biyyoota 24 irratti qooda fudhatu. Gareewwan kunneenis alaabaafi dhaadannoo biyyasaaniitiin alattis maqaa masoo ittiin waamaman qabu.

Keessattii kubbaa miilaa Afriikaatti maqaan masoo bakka olaanaa qaba. Maqaawwan kunneenis deeggartoota gareewwaniif mallattoo ta'usaanitiin allattis taphattoota dadamaqsuuf ni fayyadu.

Maqaan masoo gareeewwan biyyaaleessaa deeggartoota haalluuwwan adda addaatiin faayaamanii fi sagalee dibbe waancaa Afriikaatiin mallattoo addaatti.

Risaawwan furguggifaman

Torban dhufan keessa risaawwan ifatti bahuun mul'atu jedhamanii eegamu.

Uffanni ispoortii magariisni gareen Naayijeeriyaa uffatuus addatti kan beekamus garuu ,maqaan masoo Risaawwan jedhu caalaatti adda isaan taasisa. Gareen kunis maqaa kana kan dhaalee mallattoo biyyattii irraayi.

Tuniziyaan qaroomina Kaarteej waliin qabuu irraa ka'uun gareensaanii risaawwan Kaarteejii (Carthage Eagles ) jedhamuun waamama. Mallattooon biyyaalessaa isaaniif risaadha.

Risaawwan Maaliis asirratti dagatamu hinqabaatan. Akkasumas Yugaandaanis mallattoo simbira barriftuu qabu.

Wallaansoo Bosoonaa

Dirree kubbaa miilaa kanarrattis akkuma addunyaa bosoonaatti olaantummaa argachuuf jecha wal'aansoo olaanaatu taasifama.

Bineensoonni leencaa hanga bofaatti, qeerransaa hanga arbaatti jiran hundu waancaa Afriikaa bara kanaa keessatti eddoo qabu.

  • Kaameeruun-Leenca bosonaa-gareen kunis ciminaafi maqaa gaarii kana duraa waliin kan walqabatu ta'utu himama. Dorgommii darbe dabalate yeroo afuriif waancaa kaasuu danda'eera.
  • Morokoo-Leencoota Atilaas
  • Seneegaal- Leencoota Teeraangaa
  • Kootidi'vaar- Arboota jedhamu. Kunis maqaa biyyattiin daldala ilkaan arbaatiin qabduun kan ka'e mallattoo isaanii ta'u danda'e.
  • Beeniin- Osolee: Maqaa gareewwan qaban keessaa bineentii isee xiqqoodha.
  • Angoolaa-Bosonuu gurguddaa
  • DR Koongoo- Amaaqexa
  • Aljeeriyaa- Sardiidaa
  • Giinii Biisaawu-Yeeyyii

Moototaa fi loltootasaanii

Anga'oota kabajuun Afriikaa keessatti aadaa gaariitu jira. Sababii kanaafuu gareewwan maqaa mootii biyyasaaniin moggafamanis hindhabamne.

Gareen Masrii yeroo torba waancaa fudhachuun mootii dorgommichaa ta'anis, maqaa qabxiisaanii gitu Fari'onoota jechuun mootii biyyasaanii kan durii fudhataniiru.

Gareen fara'onotaas falmii jalqabaa garee Looltoota Zimbaabwee waliin taasisaniin carraa isaaniif oleera.

gareen biyyaaleessa Keniyaa ammoo gareewwan maqaasaanii bineensotaafi oggantoota biyyaatiin ala qaban keessatti argamu.

Urjiiwwan Haraambe jedhamu. Haaraambee jechuun afaan Siwaahiliitiin tokkummaa uumuu jechuu yoo ta'u, maqichi garicha bira darbee sadarkaa biyyaatti kaayyoo tokkichaaf dhaabbachu kan mul'isuudha.

Akkasumas garee beekamoon biyyaalessaa Gaanaa 'Urjjiiwwan gugurraalee' yoo ta'u, kunis urjjii gurraacha alaabaa biyyatti irratti argamu irraa fudhatame. Kunis tokkummaa akka mul'isu dubbatama.

Torban sadiin booda waancaan Afriikaa wayita xumuramuuttis, risaawwan ol fagaatanii balali'uun, leencoonni ammoo olaantummaasaanii kabachiisanii turuusaanii fi motootniis olaantummaa oggansa isaanitiin cimanii turuun saanii kan itti adda bahu ta'a.