Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keenyaan namoota 60,000 bosona Mawu keessaa ari'uufi
Mootummaan Keenyaa namoota 60,000 madda bishaanii biyyattiiti kan jedhamu bosona Mawu keessaa baasuufi.
Bosonni Mawu waqtii roobaa bishaan of keessatti kuusee waqtii bonaa gara lageeniitti waan gadi dhiisuuf akka madda bishaanii biyyattiitti ilaalama.
Namoonni seeraan ala bosona kana keessa qubatan, lafa qonnaaf jecha mukeen ciranii bosonicha mancaasaa jiru jedhu aanga'oonni biyyatti.
Kanaafis namoota 60,000 ta'am bosona kana keessaa ari'uuf jedhu.
Wiixata irraa eegalee maatiin tokko tokko osoo mootummaan hin dirqisiifne ofumaan bosonicha gadi dhiisanii bahaa jiru.
Namoonni kun bosona kana keessaa akka bahaniif manneen barnootaa 31 kan barattoonni kuma 10 ta'an keessatti baratan cufameera.
Tajaajilli Bosonaa Keenyaa qondaalota hidhatan dhibbaan lakkaa'aman gara bosona kanaatti fe'aa ture. Kunis namoota bosonicha keessaa baasuu irratti poolisoota akka gargaaraniifi.
Bosona madda bishaanii biyyattii ta'eefi haala biyyattiin rooba itti argattu irratti dhiibbaa guddaa uumu kana baraaruuf namoota achi keessaa baasuun barbaachisaadha jedhu Ministirri Eegumsa Naannoo biyyattii Keriyaakoo Tobiikoo.
Namoota kana achi keessaa baasuu kana garuu hunduu akka gaariitti hin simanne.
Bulchitoonni naannoo tokko tokko mootummaan marii fi waliigalteen kana raawwachuu qaba ture jechuun qeeqaniiru.
Naannoo bosonni kun jiru bakka bu'uun seenaatara kan ta'e Kichumbaa Murkomen hanga pireezidant Uhuuruun jedhanitti namni tokko bosonicha keessaa akka hin baane jedhe twitter irratti.
Seenatarri biraa achuma naannoo sanarraa ta'e garuu uummanni fedhii isaatiin bahaa jira, amma nosona kana baraaru dandeenya jechuun dubbateera.
Akka 'World Wildlife Fund' jedhutti erga bara 1963 as bosonni Mawu lafa irra ture keessaa dhibbeentaa 37 dhabeera.
Mootummaan Keenya bosona kana keessa nama baasuu kan eegale bara 2009 ta'us wal-dhibdee siyaasaa uumameen adda kute.