Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Oromoon jaalala bosonaaf qabuun mucaasaaf maqaa mukaa moggaasa'
Oromoon bosona waan jaallatuuf maqaa mucaasaa maqaa mukaan moggaafata, alaabaa isaarrallee akka taa'u kaawwataa, jedhu Obbo Gaddafaa Nagaraa.
Obbo Gaddafaa Nagaraa, Dhaabbata Bosonaafi Bineensotaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Misoomaafi Itti-fayyadama Bosonaa akka jedhaniitti, dhaabbanni isaanii lafa hektaara mil. 3.4 bulcha. Bosona lafa kanarra jiru kallattiin ummata hirmaachisuun eegaafi kunuunsaa jira jedhan.
Qabeenyi bosonaa duraan jiru haala yaaddessaa ta'een manca'aa waan jiruuf kaka'umsa mootummaan hojiitti galameera kan jedhan Obbo Gaddafaan, duulli magariisaa waqtii Ganaa kun itti jiramus biqiltuu dhaabanii dhiisuu qofa osoo hin taane aadaa ganamaa Oromoon bosona kunuunsuu qaba turetti deebisuudha jedhu.
"Kaayyoon duula magariisaa jalqaamee kunis biqiltuu qofaa dhaabuu qofaa osoo hin taane, sammuu irratti hojjechuun ilaalcha uummata biyya kanaa jijjiiruun akkuma dura bosona kunuunsaa ture sanatti deebisuudha'' jedhu.
Duulli biqiltuu dhaabuu Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiin jalqabame akka biyyaatti biqiltuu biliyoona afur dhaabuuf karoorfame keessaa biliyoonni lama Oromiyaa keessatti kan dhaabamudha akka Obbo Gaddafaan jedhanitti.
Haaluma kanaan A L I Adoolessa 22, 2011 biqiltuu miliyoona 200 ol akka biyyaatti dhaabuuf karoorfamee miliyoona 350 ol dhaabuun hanga yaadameen ol milkaa'eeras jedhu.
Inni guddaan ilaalcha kunuunsa bosonaa sammuu keessaa badaa dhufe akka deebisee horatu taasisuudha kan jedhan Obbo Gaddafaan, "keessumaa ummanni Oromoo bosona wajjin qaama tokkodha jechuu dandeenya," jechuun attamiin ummatichi jaalala umamaaf qabu ibsu.
"Kana kan nu jechisiisu Oromoon mucaallee yoo godhatu jaalala bosonaaf qabuun maqaa mukaatiin moggaasaa akka ture aadaa ummata keenyaa keessatti hubachuu dandeenya.
Fakkeenyaaf, maqaan akka Ejersaa, Birbirsaa, Waddeessaa, Odaafi kkf jedhaman ummata Oromoo keessa jiru." Ummanni Oromoo hangam bosona akka jaallatu mullisuuf mucaasaa maqaa mukaan moggaasuu isaatiin argina kan jedhan Obbo Gaddafaan, aadaan kun yeroo dheeraatii as badaa dhufee bosonni Oromiyaa keessaa akkuma bakka kaanii manca'aa tureera jedhu.
Kanaaf, duulli magariisaa itti jiramu kun biqiltuu takkaa qofaan duulanii dhaabanii dhiisuu osoo hin taane aadaan Oromoo duraanii sun akka bakkatti deebiyu gochuudhas jedhan.
Obbo Gaddafaan biqiltuu dhaabuun akka bosonni misoomu taasisuudhaaf duula karaa gama mootummaatiin achii gadi taasisuurra ummanni ofii isaatiin osoo kaka'ee misoomsee caalaa walitti fufinsaa hin qabaatuu gaaffii jedhus deebisaniiru.
Dur akka ammaa kana ummanni Oromoo bosona misoomsuudhaaf isa kakaasuu hin barbaachisu ture. Aadaa isaa ture waan ta'eef seera Gadaa waliin walqabatee qabeenya uumama lafa kanaa kunuunsuu keessaa bosona kunuunsuun isa guddaa ture jedhu.
Sabaa, sablamoonniifi ummanni walmakee walkeessa jiraachuun erga jalqabee garuu aadaan bosona kunuunsuu xiqqachaa dhureera akka isaan jedhanitti.
Sabaafi sablamoonni waliin iraachuun gaarii ta'ee garuu aadaa bosona kunuunsuurratti rakkootu jira kan jedhan Obbo Daggafaan, "aadaan itti fayyadama bosonaa addaa adda ta'eera. Ummanni tokko tokko bosona ciree itti fayyadamuu barbaada. Oromoon ammoo kunuunsuu barbaada," jechuun ibsan.
Kanarraa kan ka'e, aadaa duraan qabu bosona kunuunsuu Oromoonis dagachaa dhufeera jedhan.
Aadaan ummatichi bosona kunuunsuuf qabu akka jirutti ta'ee , caalaatti aadaa ummata keessa jiru dadhabaa deeme sana deebisanii dammaqsanii misoomsuuf kallattii mootummaatiinis jajjabeessuufi dadamaqsuun waldeggeras jedhan.
Duulaan biqiltuu dhaabuun bara Dargii keessa akka ture kaasuun, dhaabbanni isaanii akka ka'umsaatti qabatee kan bosona kunuunsaafi itti baballisaa jiru kan bara sana turerraa ka'uunis jedhan.
Duulli biqiltuu dhaabuu A L I bara 2000 yeroo Barkumee akka gaggeeffamaa ture yaadatanii, "ofumarraa baasiidhaaf ta'e malee sirriitti xiyyeeffannaan guutuun itti kennamee akka bu'uura ummataa qabaatuufi walitti fufinsaan kunuufamu hin taasifamne."
Bosona malee Oromoon jiraachuu hin danda'u. Bosonni yoo jiraate qabeenyi hundumtuu ni jiraata jedhamee waan yaadamuuf jaalala bosonaafi qabeenya bosonaaf qaburraa kan ka'e alaabaa isaarrattillee mul'isa sabni Oromoo.
Duula biqiltuu dhaabuu tibbana gaggeeffame kanaan Itoophiyaan guyyaa tokko keessatti biqiltuu miliyoona 350 ol dhaabuudhaan galmee haaraa akka addunyaatti qabamee ture qabachuu dandeesseetti.
Duraan rikkoordii kana qabattee kan turte ammoo biyya Hindiidha. Eegumsa naannoorratti qorannoowwan hedduu kan gaggeessan Dr. Tewelde Berhaan G/Igzihaabiheer duulaan biqiltuu dhaabuun ajaja mootummaan osoo hin taane ummataan jedhu.
Akka isaan jedhanitti waggoota kuma tokkoon dura ummanni Itoophiyaa aadaa biqiltuu dhaabuu qabu. "Faayidaa mukni qabu ummanni eenyumaan ol ni hubata," kan jedhan Dr. Tewelde Berhaan isaan booda muka muruun baayyataa waan dhufeef isa muran bakka buusuudhaaf yaaliin taasifame jalqabame jedhu.
Yaaliin sun jajjabeeffamaa dhufee bara kana keessa bal'inaan biqiltuu dhaabuun gaggeeffamuu isaa ibsu.
"Ummatichiyyu naannoo isaa ni beeka; akka naannoo isaa beekuuf itti himamee miti kan akka baru taasifamu; kunuunsi naannoo kan dhaloota ammaatti darbe ummataanidha.
Kana waan ta'eefis, duris taanaan ummatichi, muka dhaabuu barbaachisuu baatus ni kunuunsa ture. Barbaachisaa ta'ee yeroo argamettis biqiltuu mukaa ni dhaaba ture. Akka lafti biyyoon irraa dhiqamee hin borqoofneef daagaa baasaa ture; kun waan haaraa miti," jedhu.
Haata'u malee, waggoota dhiyoo asitti sababii 'ammayyoomuu' waliin walqabateen aadaan bosona kunuunsuu kun dadhabaa dhufeera kan jedhan Dr. Tewelde Berhaan, gara aadaa duraan turetti deebisuuf yaaliin jalqabamuu isaa dubbatu.