Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el Ilhaan Omaariifi Rashiidaa Xalib akka biyya ishii hin seenne dhorkite
Israa'el miseensota Kongirasii lama akka biyya ishii hin seenne dhorkite. Kunis erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp akka hin seenne dhorkaa jedhaniin booda.
Obbo Tiraamp Fuula tiwitaraa isaanii irratti Israa'el miseensota Kongirasii biyyattii qeeqan lama Ilhaan Omaariifi Rashidaa Xaalib yoo akka seenan eeyyamte ''dadhabina guddaa agarsiisa'' jedhanii turan.
Ji'a darbe garuu Ameerikaatti ambaasaaddarri Israa'el dubartoonni mana maree seera tumu ta'an akka Israa'el seenan ni eeyyammaaf jedhanii turan.
Biyyi Israa'el namoota warraaqsa lagachuu Israa'el irratti gaggeessan akka Israa'el hin seenne dhorka. Kunneen lamaan kana keessaa qabu.
Murteen kunis ibsa Ministeerri Dhimma Keessaa Israa'eli baaseen mirkanaa'eera.
''Biyya Israa'el kanneen miidhuuf jedhanif akka imalan eeyyamuun waan hin yaadamneedha,'' jedhaniiru.
Ministira Muummee Israa'el Beniyaamin Netaniyaahuu waliin walitit dhufeenya cimaa kan qaban Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubartoota lamaan irra-deddebbiin qeequn beekamu.
Kana dura miseensonni Kongirasii lamaan jibba sanyummaa qabu jechuun ''bakka dhuftanittii deebi'aa'' jedhanii turan.
Gaafa Kamisaa immoo tiwitara irratti barreessaniin 'ummata Israa'eliifi Hebruu waan jibbanif yaada isaanii akka jijjiiran gochuuf wanti biraa gochuun danda'amu hin jiru'' jedhanii barreesaniiru.
Akka miidiyaaleen Ameerikaa gabaasanitti dubartoonni lamaan gaafa Dilbataa imala eegaluf kan yaadan yoo ta'u bakka wal falmisiisaa - Tulluu Iyyerusaalem - mil'atanii darbuuf yaada qabu turan.
Bakka kana Musliimonni Haram al-Shariif jedhanii waamuun.
Dubartoonni kuni lamaan rogeeyyii Israa'eliifi Paalastaayiin dubbisuufi gara Iyyarusaalem, akkasumas magaalaawwan Beetaliheem, Ramaallaahiifi Hebroon daawwachuuf yaada qabu turan.
Aadde Rashiidaa Xalib inumaa guyyaa dabalataa turuun akkawoo isaanii qe'ee Paalestaayin jiraatan dubbisuuf yaadanii turan.
Gaafa Roobii Obbo Netaniyaahun Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Biyya Keessaa, kan Tikaafi Abbaa Alangee waliin marii taasisuu isaanii gaazexaan 'Haaretz' gabaaseera.