Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilhaan Omaar wixinee haaraa Tiraamp baasan qeeqan
Dhallattuu Somaalee fi miseensa Kongiraasiin Ameerikaa kan taate Ilhaan Omaar seera godaantootaa haaraa Doonald Tiraampii kaleessa ibsanirratti namoota qeeqan keessaa tokko. Seerrichis namoota baratan, darggagoota, namoota Afaan Ingiliizii dubbachuu danda'aa fa'iif carraa fooyyee kan kennudha.
Sirna haarawa kana jalaatti, nageenyi daangaa cimuun warra kolgaltummaa gaafataniirratti haallichi cimeera.
"Kolgaltootaaf dugda keenya hin kenninu. Pireezidaanticharraa waa'ee dhala namaa kanneen guyyaa haaraa qabachuuf yookiin haala badaa jalaa miliquuf jecha biyyaa bahan haala kanaan yoo dubbataan dhagahuun, baay'ee abdii nama kutachiisa," jedhu Addee Omaar.
Dabalataanis, "Yeroon namoonni bulchiinsa kana keessa biyya isaan keessa jiraachuu barbaadan dubbatan yoon dhagahu, gara waan namni tokko hin yaadanetti kan nu geessudha. Imaammata gara fulduraatti nu tarkaanfachiisu hojiirra oolchuu qabna."
Haasaa isaanii Waayit Hawuus tti godhaniin, Donaald Tiraamp seera haala namoonni sabaaba maatiisaanitiin gara US deeman dhiisuuf akka ta'aan dubbataniiru.
"Jijjiiramni guddaan nuti goonu baqatoonni gara biyyaa keenya dhufaan ogummaa ol aanaa qaban %12 irraa gara %57 guddisuufi kana olii akka ta'u barbaanna," jedhaniiru.