Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masijiidni waggaa 1,200 gammoojjii Israa'el keessatti argame
Biyya Israa'el gammoojjii Negeev jedhamu keessatti arkiyoloojistoonni masijiida umuriinsaa waggaa 1200 ta'e argataniiru.
Hambaan jaarraa 7ffaa fi 8ffaa keessa ijaarame jedhame kun magaalaa Beediween kan naannoo Rahaat jedhamu keessatti argamtu keessatti.
Egumsi haambaalee Israa'el akka jedheetti, Masjidiichi argamu kan danda'e naannichatti ijaarsaaf jedhamee osoo qotamaa jiruuti.
"Naannichatti masijiida yeroo jalqabaatiif jaarraa kana keessaa argamee fi kan masjiidoota Makkaa fi Iyyarusaaleemitti argaman waliin umuriin wal gitudha,'' jedhe waajjirii eegumsa hambaa Israa'eel.
Ogeessonni lafa sana qotaa turan gama isaanitiin ''masjiidichi kanneen addunyaa kanarratti argaman kamiiyyu irraa adda'' jedhaniiru.
Namoonni masijidichaatti sagadaa turan qonnaan bultoota naannichaa ta'u akka hin oolle tilmaama isaanii himaniiru.
Masjiidichi gubbaadhaan haguggii ykn baaxii kan hinqabne yoo ta'u, kan roga arfeen ijaarameedha.
Akkasumas fuulasaa gara Makkaatti kan garagalfateedha jedhameera.
"Haalli taa'umsa masjiida kanaa waggoota dhibba hedduu dura musliimonni keessatti kadhannaa taasisaa akka turan kan mul'isedha'' jedhu qondaaltonni eegumsa hambaalee Israa'el.
Akka ogeessoti Islaamummaa qoratan jedhanitti, masjiidi kun baroota jalqabaa wayita Islaamummaan gara Israa'eel seenetti kan ijaarame ta'a jedhamee tilmaamama.
Masjidichi naannichatti argamuunsaa, seenaa biyyattii bara sana ture caalaa baruudhaaf gumaata olaanaa qabaata jedhaniiru.