Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaanaadaa: Dubartii xiyyaara dhaabbate keessatti qofaa hirriibaa dammaqxe
Kaanaadaatti dubartiin yeroo xiyyaarri balali'aa ture rafte, yoo dammaqxu xiyyaara dhaabbate keessatti qofaa of argite.
Tifaanii Adaams gaafa Waxabajjii 9 Kiyuubeek irraa gara Toroontoo otoo imaltuu xiyyaara keessatti rafti. Yoo dammaqxu, qorraan rom'aa barcuma ishee irratti saqqii nageenyaa akkuma hidhatteen xiyyaara dhaabbate keessatti qofaa of argiti.
Erga gaafasii ''abjuu hamaan argaa ture'' jetteetti.
Daandiin Xiyyaaraa Kaanaadaa kuni mudachuu yoo mirkaneessu dhimmicha qorachaan jiras jedheera.
Tifaaniin fuula Feesbuukii isheerratti, ''halkan walakkaa hollachaa, sa'atiin muraasa erga darbee booda dukkana keessa barcuma koo irratti taa'een of arge'' jechuun barreessitee jirti.
''Akka malee sodaadheen ture'' jetteetti.
Tifaaniin hiriyyaa isheetti waan taatee himuuf yoo bilbiltu, bilbillishee baatiriin keessaa dhumee cufuuf daqiiqaa tokkotu hafe jechaa ture.
Xiyyaarichis cufamee waan tureef bilbilashee chaarjessuu hin dandeessu.
Hiriyyaanshee buufata xiyyaaraa Toroontootti bilbiltee iddoo Tifaaniin jirtu himte.
Namichi gaarii miyyaa irraa hojjetu ishee argata, ''baayyee na'ee turee'' jetteetti.
Daandiin Xiyyaaraa Kaanaadaa konkokolaataa limooziinii ittiin deemtufi hoteela boqonnaa yoo kenneyyuu, isheen garuu ''dafeen manattin gala'' jettee diddeetti.
Warri Daandii Xiyyaaraa Kaanaadaa ''dhiifama gaafachuufi qorachuuf jecha al lama naa bilbilaniiru'' jetteetti.