Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibidda xayyaaraa Moskoo: Moskootti balaa xayyaaraan namoonni 41 du'an
Xayyaarri Raashiyaa, Moskoo buufata xayyaaraa Shereemetiyevoon qubannaa yeroo balaa erga taasiseen booda motorrisaa ibiddi qabachuun namoota 41 ajjeese.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irraa, imaltoonni xayyaarri Eeroofloot jedhamu yoo gubatu karaa foddaa yeroo balaa of baraaruuf yoo fayyadaman agarsiisa.
Warra du'an keessaa daa'imman lamaafi warra balalii to'atan keessaa tokko akka du'an miidiyaan Raashiyaa gabaaseera.
Xiyyaaricha keessaa namni bahuun 'raajii' ture jedhu namni ijaan argan tokko. Xayyaarichi imaltoota 73 fi hojjettoota shan baatee ture.
'Imaltoota 37-33 tahaniifi hojjettoonni afur lubbuun hafaniiru'' jedhu qondaalli qorattuu dhimmichaa Yelenaa Maarkoovaaskaayaa.
Namooti shan hospitaala jiru.
Eeroofiloot, daandiin xayyaaraa Raashiyaa ''xayyaarichi rakkoo teekinikaan'' ture gara buufata xayyaaraattii kan deebi'e. jedheera garuu ibsa dabalataa hin kennine
Balaliiwwan muraasni gara buufata xayyaaraa biraatti geeddaramaniiru.
Xayyaarri Suukiyoo Suupparjeet-100 jedhamu buufata xayyaaraa Sheremetyeevoo galgala sa'atii 12:00 gara magaalaa Murmaansik deemuuf ka'e.
Hojjettoonni xiyyaarichaa rakkoon hamaan akka jiru xayyaarichi akkuma baheeni kan hubachiisan.
Buufata xayyaaraa qubannaa hatattamaa erga taasiseen booda motorri isaa akka ibidda qabate ibsi Eeroofiloot ni hima.
Hojjettoonni xiyyaarichaa '' imaltoota baraaruuf waan hundumaa gochaa turan'' jedheera daandii xiyyaarichaa.