Komii to'attoota tiraafika qilleensaa

To'attoonni tiraafika qilleensaa, buufataale xayyaaraa Finfinnee, Baahirdaariifi Maqaleetti argaman, moormii hojii dhaabuu irra jiran.

Dhimma kanarratti Daarektara Jeneralaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaa Koloneel Wosan yeellee Hunnanyaaw Gaaffii yeroo dheeraa lakkoofsise kana hanga har'aa maaliif hiikuun akka dadhabame gaafanneerra.

Isaanis ''Gaaffiin hanga har'aa ture miindaa parsantaa 1000 tahu nuu kaffalaa kan jedhu hin turre. Gaaffii kanas ani hin beeku, dhihoo kana dhufe gaaffiin kun.'' jedhan.

Gaaffiin irra deddeebiin barootaaf ka'aa ture gaaffii reetingiiti kan jedhan Koloneel Wosan kana jechuunis to'attoonni tiraafika qilleensaa sadarkaa itti qoodamanidha.

Kun ammoo kan hojimaata idil addunyaa hordofudha. Dokumantoonni, Hojimaataa fi danbiin hojii kaa'amuu waan qabaniifi. Kunis hojjetameera. Adeemsa kana keessas, isaaniin keessa galchineerra jedhan.

Gaaffiin isaanii inni biraa ammoo beekkamtiin akka kennamuuf kan gaafatudha. Kanas mootummaan Itoophiyaa hojii to'attoota tiraafika qilleensaaf beekamtii kennee, addatti kaffaltii gochaa jira.

Kanarrattis waliigaluu hin dandeenye, isaan beekkamtii kana kan ilaalan qarshii waliin walqabsiisaniiti. Dandeettii biyyattiin kaffaluu dandeessuuni, kan kontiraata mallatteessinu.

Mormiin hojii dhaabuu har'aa kun dhiibbaa hagamii geessiseera jennee gaaffii gaafanneef Koloneel Wosan akkas jedhan.

''Hojjettoonni mormii kana keessaa qooda hin fudhanne, akkasumas kanneen gara hojii kanaatti dhiyeenyatti makaman leenjii dabalataa kennuun, ogeeyyii iddoo garagaraa turaniifi kan biyya alaatis dabalatee fiduun.'' jedhan.

Hojichis hanqina tokko malee hanga yoonaa adeemaa jiraachuu dubbatan.

Adeemsi hanga yoonaa kun furmaata waara'aa ni tahaa gaaffii jedhuuf ''Leenjitoonni mana barnootaa keessa jiran jiru. Hojjettaa humna kaffaluu biyyattii ol gaaffii gaafate karaan itti to'attu hin jiru. Filannoon biraa hinjiru.'' jedhu Koloneel Wosan.

Dursitoota Gamtaa To'attoota Tiraafika Qilleensaa argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.