Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hookkara Sudaan: Hanga daandiin cufaman banamanitti marii akka hin fufne waraanni ibse
Sudaan bulchiinsa ummataatti deebisuuf mariin eegalame guyyoota sadiif osoo itti hin fufin hafe. Kana kan godhan hoggantoota waraanaa biyyattii yeroo ta'an daandii mormitoonni cufan akka banan fedhu.
Ibsa televizhinitiin kennanin daandiileen Kaartuum keessa cufaman akka banaman gaafataniiru.
Daandii cufun kan eegale manni maree waraanaa ce'umsaa fi mormitoonni bulchiinsa siivilii ykn ummataatti deebisuuf waggoota sadii irratti erga waliigalani booda.
Gaafa Roobii poolisoonni namoota daandii cufan irraa ari'uuf dhukaasaniiru.
Mormitoonni Kaartum keessaa namoonni sagal akka miidhaman himanis mirkaneessuun hin danda'amu. Waldhabdeen gaafa Wiixataas yoo xiqqaate namoota jaha galaafateera.
Hogganaan mana maree biyyattii bulchu Lewitinaant Janaraal Abdal Fattaah Abdelaarhaamn Burhaan mariin kan adda cite ''waligaltee xumuruuf haala mijessuufi'' jedhan.
Mormitoonni dhagaa akka kaasan, riqicha akka bananiifi ''waraana dubbii akka hin qoccolle'' gaafataniiru.
Durattimmoo dubbii himaan dhaaba mormituu 'opposition Alliance for Freedom and Change ' Rashiid al - Sayiid AFP'f akka himanitti waraanni mormitoonni daandii cufan akka banan gaafataniiru jedhan.
Hogganaan mana maree waraana ce'umsaa Sudaan akka jedhanitti silaa sa'aatii 24 keessatti haala aangoo qooddatan irratti dhaaba mormituu waliin waligalteen ni taasifama.
Kunis, mana maree hanga filannoon dhufutti biyyatti hoogganu hundeessuu of keessaa qaba.
Erga bulchaan duraanii Sudaan aangoo irraa kaafamani as biyyattin waraana jala bulaa jirti. Mormitonni immoo hanga bulchiinsi ummataa jiraatutti hin gallu jechuun mormiif daandirra jiru.