Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sooma ramadaanaa fi mormitoota Sudaan
Erga buchaan duraanii biyyasii aangoo irraa kaafamuun hidhamanii as ji'a tokko ol ta'us, ammallee mormitoonni guyyaafi halkan waajjira muummee waraana biyyattii fuuldura akkuma buufatanitti jiru.
Manni maree waraanaa amma aangorra jiru aangoo ummataaf kennuu dhabuuf lafarra harkisaa jira jechuun yaadu. Kunis, soomana Ramadaanaa muslimoonni bariidhaa hanga aduun seentutti nyaachuufi dhuguu hin dandenyetti itti fufeera.
Yeroon gahee erga soomana hiikanii booda mormitoonni jireenya isaanii daandii gubbaa taasisan: ''mootummaa ummataa ykn qabsoon itti fufa,'' jechuu ka'u.
Kabiraa guyyuu kan hin hafne immoo: ''Eessayyuu hin dhaqu, gaaffiin qaba,'' kan jedhudha.
Kuma hedduu kan ta'an lafa walgahan yeroo dhufan kan nyaata manaa fidatan jiru, kaanimmoo achumatti bilcheeffatu.
Kanneen nyaata dhaqani namaa fidanillee jiru. Dhaabbileen hedduu namni bakka mormiin jirutti halkan akka hin beelofne bishaaniifi nyaata konkolaataa gurguddaan namaa fidanillee jiru.
Ergasii yeroon ergaa dabarsan ni eegala. Rogeeyyiifi ummanni kaan takkaa bakka ummanni hedduun jirutti dubbadha jedhanii hin abjonne nama hedduu gidduutti ergaa dabarfatu.
Badii waraanaafi milishaan mootummaa duraani waliin hidhata qaban raawwataniifi rakkoo maatii isaanii irratti gahe jedhan dubbatu.
Sagalee guddistuu qabachuun waan namoonni hedduun dhagahani hin beekne fa'i dubbatu.
Kanneen dubbatan hedduun lafa waraanni ture Daarfur ykn Kibba Kordofaan irraa dhufan.
Muraasni hidha bishaanii Kaabatti ijaarame rakkoo irraan gaheefi mana irraa baqachuuf isaan dirqe haasa'u.
Maatiin yeroo mormii namni jalaa du'es ka'ani ni dubbatu. Yeroo hundaa halkan yeroo dubbatan, walii gidduutti dammaqina uumu.
Hedduun namaa halkan lafa ummanni taa'ee bulu dabarsu. Kuni kaaffee alatti tajaajila kennu, lafa margaa sararaa daandii baaburaa dhiheenya jiru ykn lafarra buufatu.
Aduu gubdu
Mormitoonni lakkoofsaan xiqqoo ta'an guyyaa keessa aduu magaalaa Kaartum gubu keessa turu. Ummanni muraasni meeshaa qilleensa kennu arjoomanis ho'a magaalaa Kaartum yeroo hedduu digirii 40 ol ta'u to'achuu hin dandeessisu.
Haa ta'u malee, artistoota keenyaa lafa ummanni taa'ee mormutti jiran irratti halluu diban garuu hin dhorkine.
Mormitoonni muraasni nyaata waliif bilcheessu
Bakka kutaa magaalatti kaanitti namni bakka boba'an jiru, daabboon jiru, lafa qarshii baafatanitti hiriiruu eegaleera. Akka durii miti konkolaataan illee daandiirra baay'ateera.
Tumsa mootummaan daabboofi boba'aa irratti taasise kutuu isaatu baatii Muddee darbe mormii kaase boodarra mormichi pirezidantiin biyyattii waggaa dheeraaf aangoorra turan akka bu'an gaafatutti guddate.
Mormitoonni muraasni hafteen bulchiinsa durii mormitoota gidduu akka jiraniifi namuu abdii akka kutatu gochuuf hojjetaa akka jiran amanu.
Dubartoonni amma kabaja horataniiru
Mormitoota bittinsuuf yaaliin taasifamun gabaafameera. Ta'us, uammanni amma gammachuu qaba.
Dubartoonnillee amma xiqqoo qofa rakkoon akka irra gahu dubbatu. Isa dur arrabsoon irra gahu hafe, amma jarreen dhiiraa ''Kandaakaa'' jedhani isaan waamu.
Kaandaakaan bulchiinsa Kuush keessatti giiftiiwwanitu itti waamama. Maqaan kuni garuu dubartii umurii 22 Alaa Saalah jedhamtuufi yeroo mormii sanaa viidiyoon ishee bakka hedduu mul'atetti moggaafame.
Haalli Sudaan keessaa saffisaan jijjiiramaa jira, mormitoonnis jijjiiramni dhufu hundi karaa isaanii akka dhufu mirkaneessuu yaaluuf mormii itti fufaniiru.