Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandii Xiyyaara Itoophiyaa: 'Paayileetonni hundi leenjii barbaachisu fudhataniiru'
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa paayileetonni isaa Leenjii Xiyyaarota Boeing 737 Max 8 balaliisuuf barbaachisu hunda fudhachuu isaanii ibsa har'a baaseen beeksise.
Daandiin Xiyyaaricha ibsa kana kan baase erga miidiyaaleen idil addunya akka New York Times fi Reuters paayiletiin Xiyyaara Itoophiyaa torbe darbe kufee lubbuu namoota 157 galaafate balaliisaa ture 'leenjii barbaachisu hin fudhanne' jechuun gabaasanii booda.
Miidiyaalee kunneen nama daandii xiyyarichaa keessa beeku tokkoofi paayileetii daandii xiyyaarichaa maqaa isaa himachuu hin feene waabeffachuun akka gabaasanitti, xiyyaara Itoophiyaa Boeing 737 Max kufee caccabe sana balaliisaa kan ture kapiteen Yaareed Geetachoo leenjii haaromsaa xiyyaaricha balaliisuu dandeessisu hin fudhanne.
Paayileetichi xumura ji'a Bitootessaa kanatti leenjicha akka fudhatu saganteeffamee turee jedha gabaasni Rooyitars.
Gargaaraa paayiletii kan ture Ahimednuur Mohaammad leenjicha haa fudhatuu, fudhatuu haa baatuu wanti beekame hin jirus jedha gabaasichi.
Xiyyaarri Boeing 737 Max jedhamu waggoota lama dura gara hojii kan gale yoo ta'u sirni balaliinsa isaa Xiyyaara Boeing 737 NG jedhamu kan duraan ture irraa fooyya'ee dhufe.
Leenjiin paayileetichi hin fudhanne jedhame sirna balaliinsaa fooyya'e kana kan ilaallatudha.
Akka Kaampaniin Boeing jedhutti garuu paayiletii duraan xiyyaara Boeing 737 NG jedhamu balaliisaa tureef leenjicha fudhachuun dirqama miti. Paayileetonni hedduun leenjii sa'aatii tokko ipad ykn kompitara irratti kennamu qofa fudhatani.
Kana jechuun leenjicha fudhachuufi fudhachuu dhabuun garaagarummaa guddaa hin qabu.
Haa ta'u malee garaagarummaa sirna balaliinsaa xiyyaarota Boeing 737 NG fi Boeing 737 Max jidduu jiru kaampaaniin Boeing xiqqeessee ilaale, xiyyeeffannaa itti hin kennine jechuun ogeeyyiin komatu.
Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gaabaasni miidiyaaleen kunneen baasan 'guutummaatti soba' dha jedhe.
Paayileetonni daandii xiyyaarichaa hundi "garaagarummaa xiyyaarota lamaan jidduu jiru irratti leenjii barbaachisaa fudhataniiru" jedha.
Erga xiyyaarri Indoonezhiyaa wal fakkaataan baatii shan dura kufee namoota 189 galaafatee booda qajeelfama yeroo balaa tasaa kaampaani Boeing fi Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) irraa kennames paayileetonni hundi leenji'aniiru jedha.
Yeroo ka'umsi balaa Xiyyaaraa Itoophiyaa ET302 qoratamaa jiru kanatti qaamoleen hundi odeeffannoo sirrii hin taane, itti gaafatamummaa hin qabneefi nama dogoggorsan akkasii gadi shiisuu irraa akka of qusatanis daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa beeksiseera.
Hanga bu'aan qorannichaa ifa ta'utti hunduu obsaan akka eeganis dhaameera.
Erga balaan xiyyaaraa lubbuu namoota 157 galaafate mudate as yaadni wal falmisiisu ka'aa jira. Ka'umis balaa kanaa rakkoo xiyyaarichaati kan jedhuufi kan paayileetichaati kan jedhu.