Faransaay qondaaltota duraanii atileetiksii Raashiyaa irratti ajaja hidhaa dabarsite

Faransaay qondaaltota atileetiksii duraanii Raashiyaa irratti ajaja hidhaa dabarsite. Kunis qaama qorannoo qoricha atileetota si'oomsu dhoksaan raawwatan jedhaman irratti taasifamaa jiruuti.

Vaalentin Baalaaknichev hogganaa duraanii Atileetiksii Raashiyaa yeroo ta'an Aleekseyi Melnikoov immoo leenjisaa duraanii garee biyyaalessaa biyyattiiti.

Lamaan isaanii qoricha atileetonni fudhachuu hin malle deeggarsa mootummaan Raashiyaatin raawwataa ture erga ifa ta'e booda atileetiksii irraa bara 2016 dhorkaman.

Obbo Baalaaknichev hidhaan kuni bu'uura hin qabu jedhani yaadu.

Qorannoon kuni Sadaasa bara 2015 hogganaan Waldaa Federeeshinoota Atileetiksii Idil Addunyaa (IAAF) Laamin Diyaak dhimmi atileetota Raashiyaa dhoksanif dolaara miiliyoona hedduu fudhatan jedhamani yeroo himatamanitti eegale.

Ilmi qondaala kanaallee bara 2017 himatameera.

Qarshiin fudhatame kuni Faransaay wanta dhokate jedhame amanamuf qorannoon kana biyyattiin gaggeessaa jirti.

Raashiyaan qaama atileetiksii addunyaa hogganurraa bara 2015 kan dhorkamte ta'us atileetonni muraasni qoricha humna dabalu akka hin fudhanne yoo mirkaneessan ni dorgomu.