Rekoordii Yoomiif Qajeelchaa: ‘Yaalii riikardii sadaffaaf taasisen milkaa’e’

Atileet Yoomiif Qajeelchaa fiigicha fageenya maayilii tokkoon riikardii addunyaa bara 1997 atileeti Morookoo Hishaam El Garuushiin galmaa'e ofitti deeffate.

''Yaaliin riikardiif taasise kun isa sadaffaa ture. Yaalii sadaffaa irratti kan milkaa'e,'' jechuun BBC'tti himeera.

Atileetiin kun torban sadii dura fageenyuma wal fakkaataan Niw Yoorkitti fiiguus yeroo 0:01 jecha osoo hin milkaa'in hafe.

''Yeroo sanatti dirree keessa yeroon turetti baay'ee natti dhagahame ture. Yeroo sanaaf aaree ergasii garuu natti hin dhagahamne. Sababni isaas baay'ee yaaleera.''

Atileetin kun fiigicha sana booda akka atileetota kaanii qoma gad-qabe xumuruu akka qabu yaadi itti kennamu isaa hima. ''Osoon gadi jedhe xumuree jiraadhe fiigichi [riikardiin] suni cabuu danda'a ture.''

Ergasii torban lama dura fiigicha mana keessaa 1,500m'n Ingilizii Barmingihaamitti fiiguus hin milkoofne. Fageenya sana atileet Saamu'el Tafarraan riikardii addunyaa cabsuun injifate.

Egaa yaalii isa sadaffaan fiigicha Dilbata galgala Boostanitti dorgomameen riikardii 3:48:46 ture 3:47:01'tti gadi buusuun irra-aane.

''Riikardii kana cabsuun hawwii leenjisaa kiyya ture. Hawwii isaa guutuu kootti immoo akka malee natti tolee jira,'' jedheera.

''Kan kaleessaa [Dilbata] baay'ee nama gammachiisa, akka malee. Sa'aatiin kiyyallee bareeda.''

Haalli fiigicha isaa itti xumurees ga'umsa gaarii akkasumas humna dorgommii torban muraasa dura irratti dhabe deebisuu isaa agarsiisa.

Fiigichi maayilii tokko biyya Yunaayitid Isteetitti fiigichaa beekamaa yeroo ta'u fageenya 1.6km jechuudha.

Yoomiif kanaan dura riikardii addunyaa cabsee hin beeku. Mo'uu isaaf garuu wanta isaaf kanfalame dubbachuu hin feene.

Kaayyoo

Yoomiif ammaan achi fiigicha amma fiigu dabalatee fageenya giddugaleessaafi dheeraa fiiguuf yaada qaba. Karoorri guddaa isaa fi kan leenjisaa isaa garuu 5,000m.

''Yoo danda'ame riikardii addunyaa yaaluudha. Yoo dadhabame sa'aatii ariifataa galmeessuudha.''

Haa ta'u malee, shaampiyoonaa addunyaa Waxabajjii Dohaatti dorgomamu irratti fiigicha dachaa fiiguuf yaada qaba.

''Hawwii kiyya ture fiigicha lama fiiguun. Durumaa kaasee 5,000m fi 10,000 hawwaa ture. Ammallee deebi'ee isa fiiguu barbaada.''

Atileet Yoomiif erga waggaa tokko dura eegale jireenyi isaa Yunaayitid Isteeti godhate kun leenjisaa beekamaa lammii Ameerikaa Albertoo Salaazaar jalatti leenji'a. Kunis piroojektii Naayik keessa waan jiruufi.

Maraatoonii Tookiyootti gaggefameenis atileet Biraanuu Leggesee sadarkaa 1ffaan yoo xumuru atileetiin Keeniyaa Beedaan Kaarookii 2ffaan xumureera.

Gama dubartootaan atileet Ruut Aagaa sadarkaa 1ffaan xumurteetti. Helen Tolaa ammoo sadarkaa 2ffaani kan xumurte.