Wallagga Lixaa aanaa Najjootti namootni shan qaama hidhateen ajjeefaman

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjoo Ganda Humna Waaqayyoo jedhamutti guyyaa har'aa ganama keessaa sa'aatii tokkoofi walakkaa (1:30) irratti humnoonni meeshaa waraanaa hidhatanii socho'an namoota shan ajjeesu qondaaltonni himan.

Itti aanaan Hogganaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Qajeelaa Waggaarii namootni shanan rasaasaan ajjeefamuu dhagahuu BBC'tti himaniiru.

Ajjeechaa aanaa Najjootti dhaqqabe ilaalchisee qondaalli nageenyaa Oromiyaa naannicha ture Obbo Adam Ismaa'el BBCtti akka himetti yeroo bakkicha gahan konkolaataan ibiddaan gubataa jirtu argani.

Bakki kuni magaalaa Najjoo irraa fageenya Km shan hin caalle irratti akka ajjeefamanis himuun daqiiqaa 30 booda akka bakkicha dhaqqabanis dubbatu.

Namootni ajjeefaman kunneen albuuda baasuu irratti kan bobba'an akka ta'e gabaafameera. Isaanis lammiilee Itoophiyaa sadiifi lammiilee alaa lama akka tahan qondaalonni mirkaneessu.

Lammiin namoota lamaanii Hindiifi Jaappaan akka ta'an Obbo Adam himu.

Rayyaa ittisa biyyaa waliin bakkicha geenye kan jedhu Adam nuyi akkuma achi geenyeen bishaan fidnee abiddicha dhaamsuuf yaalii yommuu goonu humni ittisaa immoo naannicha sakatta'uutti deebi'ee jedhe.

Konkolaaticha qabatee kan ture manaajera kaampaanichaa kan tahe Alamaayyoo Malaakuu ta'u himuun abiddichi karaa fuulduraa konkolaataa akka qabate dubbata.

Erga ibiddi dhaame booda eenyummaa isaanii adda baasuun waan isaan rakkisef hiriyyoota isaanii yeroo dura konkolaataan bahe argan akka isaan adda baasan qondaalli kuni himu.

Ergasiis ''Maqaa isaanii itti barreessinee reeffa isaanii fuunee hospitaalaa galchine,'' jecuun dubbatu.

Konkolaataa keessa meeshaalee kanneen akka shugguxii fi moobaayilli isaanii walumaan jira ture hin fudhatamne kan jedhan qondaalli kuni namootni hidhatan afurii fi shan tahan naannoo kana irra fiigaa darban kan jedhu namoota qabaman irraa dhagahus himu.

Akkamiin ajjeefaman?

Qondaalli nageenyaa Adam jedhaman jalqaba rasaasaan dhahamanii ajjeefamiiru jechuun dubbatu. Bakka konkolaataan daaandii irraa xiqqoo maqxee dhaabbate irraa 20m-25m kan tahu irratti rasaasa hanga 44 tahu walitti qabus dubbatu.

Komishinarri itti aanaa Poolisii Oromiyaa, Rattaa Balaachaw kaleessa (Kibxata) galgala miidiyaa EBC waliin turtii taasisaniin ''Erga ajjeesanii booda konkolaataa boombiidhaan gubani,'' jechuun dubbataniiru.

Namoota ajjeefaman hojjettoota kaampaanii Saanraayiz [Sun Rise] jedamu akka ta'eefi kanneen ajjeefaman:

  • Alamaayyoo Baqqalaa manaajera kaampaanichaa (Sunrise)
  • Baqqalaa Tafarraa ji'oloojistii [qorataa albuudaa]
  • Badhaasaa Baqqalaa hojjetaa deeggarsaa tahuus himaniiru.

Akkasumas lammiin Hindii tokkoo fi Jaappan tokkos kannen ajjeefaman keessaa tahuu himaniiru.

Eenyutu ajjeese?

Obbo Adamiifi qondaalli nageenyaa Wallagga Lixaa abbaan badii kana raawwate qoratame barama jedhani turan.

Galgala keessa komishinarri itti-aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Rattaa Balaachaw EBC'tti ''Waraana ABO waamicha abbootii gadaa kan hin fudhannetu kana godhe,'' jechuun badii kana keessaa harka akka qabu dhaamaniiru.

Hanga ammaa kan to'annoo jala oolan hin jiran kan jedhan qondaalli kuni ''tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhatamaa,'' jedhaniiru

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waamicha abbootii Gadaa osoo hin fudhatin bosonatti hafetu kana raawwate isa jedhuf dhaabni ABO ibsa baase hinqabu.

Har'a ganama Dubbii Himaa ABO Obbo Toleeraa Adabaa kan dubbise BBC Afaan Oromoon nuti dhimma kana hin beeknu jedhaniiru.

''WBO waliin ammatti quunnamtii hin qabnu. Akka Waraana Bilisummaa Oromootti gama keenyaan yaada kenninu hin qabnu.''

Obbo Toleeraan dhimma waraanaa koree araaraatti kennuu isaanii yaadachiisuun dhimma kana irratti koree akka gaafannu himaniiru.

''Nuti dabarsine kennine haala maalii keessa akka jiru immoo isaanirraa adda baafadhu,'' jedhan.

Haa ta'u malee, wanti ta'e qaama fedheenu haa ta'u ni balaaleeffanna jechuun qoratame adda bahu barbaachisa jedhaniiru.

Qaamoleen lamaan dhimmi rakkoo nageenyaa gama Lixa biyyattiin mudatun walqabate yeroo hedduu wal himachaa wal yakkaa turanis isa alanaan ABO'n mootummaa hin yakkine.

''Nama dadhabe osoo hin jedhiin halkanii guyyaa hojjetudha''

Hiriyyaan Alamaayyoo tokko akka jedhetti Alaamaayyoon dhalatee kan guddate magaalaa Gimbiitti. Ijoollummaa irraa qabanii akka waliin guddatanii hima.

Jireenyi isaa magaalaa Finfinnee yoo tahu abbaa ijoollee sadiiti. Mucaan jalqabaa waggaa shan keessa tahuu hima.

''Alamaayyoon nama dadhabe osoo hin jedhiin halkanii guyyaa hojjetudha.''

Alamaayyoon daldala xixiqqaa irrati bobba'ee hojjechaa turuun booda hojii albuudaa irratti bobba'uu qabna jechuun namoota alaas qunnamee fiduun waliin hojjechaa turuu BBCti hime.

''Qorannoon isaayyuu waggoota sadii ol itti fudhateera. Yeroo wanticha milkeeffatee gara hojiitti galuuf yaalaa jiran keessa kan balaan kun isa mudate.''

Ji'a tokko duras ijoolleen dhagaa itti darbachuun konkolaataa isaa cabsanii ture jedhee wal amantaan yoo nuuf milkaa'e dargaggoonni fi uummanni naannoo sanaas qooda keessaa argachuu qabu jechuun waliin mari'achuun nama sagantaa guddaa qabu ture jedhe.

Alamaayyoon namoota hundumaa waliin nama hariiroo gaarii qabu ture jedhe.

Kanaan duras jiraataan aanaa Najjoo tokko mana isaanii keessatti ajjeefamuun gubachuun isaanii ni yaadatama.