Adda Bilisummaa Oromoo: ''Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaa harka keessaa hinqabnu''

Yeroo biyyattiin gama maraan jijjiirama keessa jirtutti, ummanni hoogganaa haaraa argatetti gammadaa jirutti Lixa Oromiyaatti rakkoon nageenyaa yaaddessaa ta'aatti jira.

Torbee darbe magaalaa Najjootti namni Geetaachoo Addisuu jedhaman mana keessatti abiddaan gubamaniiru.

Naqamteettis karaan guyyaa dheengaddaa cufameen jeequmsis ka'ee lubbuun nama tokkoo darbeera, akka poolisiin magaalattii jedhanitti.

Daandiin magaalaa Naqamteetti cufamee ture darbee hanga Magaalaa Ginbiittis cufamee ummanni imalarratti dhiphachaa tureera.

Lixa Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti humnootii nageenyaa ajjeesuu, butanii baduu fi meeshaa waraanaa harkaa saamuun mul'ateera jedha Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa.

Lixa Oromiyaatti maaliif rakkoon yeroo kanatti hammaate, eenyutu duuba jira,mootummaan nageenya buusuuf maal hojjete kanneen jedhanirratti yaada qaamolee garagaraa qindeessineerra.

Jiraattonni magaalaa Gimbii fi konkolaachistoonni maal jedhu?

''Gimbii galuuf xiqqoon wayita hafu naannoo Joogir jedhamutti karaa cufanii furtuu konkolaataa fudhatanii badan'' jedhu jiraataan magaalaa Gimbii Obbo Mangistuu Magarsaa.

''Akka dhuunfaattis akka uummata naannoo kanaattis gaaffii karaa na cufsiisu hin qabnu, waanti uumame waan qeerroo fi ummata bakka bu'u miti'' jedhu.

Roobii konkolaataan inni Gimbiidhaa ummata fe'ee dhufu isa Naqamteetti dabarsaa, inni Naqamteerraa dhufummoo isa Gimbiitti daddabarsaa akkasiin ummanni imalaa ture, kaleessaa fi har'ammoo guutummaatti cufame jedhu.

"Eenyu akka cufaa jiru ummataafis qeerroofis gaaffii ta'eera,'' jedhan.

Ummanni Magaalaa Gimbiis gocha raawwatamaa jiru mormuudhaan qaama nageenyaa haasofsiisee karaan akka banamu gaafateera jedhan, Obbo Mangistuun.

''Ummata rakkisuufi ummata rakkataa jiru ilaaluun ejjennoo qeerroo waan hin taaneef konkolaataa nuuf kennaa jedhanii qajeelcha poolisii gaafachuudhaan karaan akka banamuuf ga'ee gumaachaniiru'' jedhan.

Qaamolee nuuf haaraa ta'an kan qeerroo Oromoo ofiin jedhanii socho'an warra fedhii dhuunfaasaanii qabantu karaarratti ba'anii bakka Joogir jedhamturratti daandii cufanii ummata hiraarsaa jirus jedhan.

Daandii Magaalaa Naqamtee gara Gimbii geessu gidduu, daandii naannoo Joogir hanga Arjoo Guddattuutti cufamee konkolaataan dhaabbatu irratti guyyoota lamaaf kan dhaabbatan Obbo Gaariin konkolaachisaa konkolaataa fe'isaati.

Haala ture wayita ibsan ''Daandiin dheengadda Naqamteetti cufamee kora bittinneessaa Oromiyaatiin banamee borumtaasaammoo Gimbii fi Naqamtee gidduutti cufamee argine," jedhu.

"Gaafa Arjoo Guddattuu geenyu karaan darban hin jiru, bitaa fi mirgaan cufaadha. Qeerroon Oromoo namni keenya karaarratti rakkachaa jiru karaan banamuu qaba jechuun Magaalaa Arjoo keessatti dhaadannoo dhageessisaa turan."

"Warra poolisiis haasofsiisnee turre. Nuti ummanni nu dhagawuu dideera jechuun sodaachuusaanii nutti himan. Ergamasaanii waan bahaa jiran nutti hin fakkaatu. Eenyu akka daandii kana cufe beekuu baannus boodarra wayita qeerroowwan dhufanii abbootii gadaa, jaarsotaa fi ummata waliin daandiii saaquu eegalan argineerra.'' jedhan.

Deebii Oromiyaarraa

Rakkoowwan nageenyaa Dhiha Oromiyaatti raawwatamaa jiran kanneen akka daandii cufuu, lubbuu namaarratti tarkaanfiiwwan suukanneessaa fudhachuu fi saamicha geggeessuu duudhaa uummata Oromoo waliin kan wal hin qabanneedha jedhu dubbi himaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Baayisaa Kumaa.

Daandii Naqamtee fi Gimbiirratti cufame ''Kan cufe tasuma dargaggoota Oromoo miti, kan cufe humna hidhatee socho'u kan eenyummaansaa hin beekamne, garuu kan qoratamaa jiruudha'' jedhan.

''Dargaaggoonni keenya jaarsa biyyaa, abbootii gadaa fi jiraattota magaalaa waliin ta'uudhaan wayita daandii cufame bansiisuuf aarsaa kaffalaniidha kan arginu."

"Qaamolee gocha akkanaa keessatti hirmaatanis bakka qabanitti Poolisiitti kennaa jiru waan ta'eef gocha kana gonkumaa hin raawwannee hin raawwatanis'' jedhan Obbo Baayyisaan.

Gochaan ajjeechaa suukanneessaa magaalaa Najjoo keessatti raawwatameera, gochi seera maleessummaa biroon, fakkeenyaaf, Jimmaa Horrootti Ajajaa Poolisii ukkaamsanii fudhachuun hanga yoonaatti bakka bu'e hin beekamu.

Dambi Doollootti hojjetaa nagayee muru buufata konkolaataa keessatti rasaasaan rukutaniiru, iddoowwan tokko tokkottimmoo meeshaa waraanaa qaamolee nageenyaa keenyarraa fudhachuun waan mul'atuudha jedhu.

"Qaamni kun kan dargaggeessa keenya ibsan miti'' jedhan.

Rakkoo magaalaa Naqamtee keessatti mudatee fi daandii cufame keessatti waan dargaggoonni keenya hirmaatan fakkeessuun jeeequmsa kaasuun tureera kan jedhan Obbo Baayyisaan dargaggoonni keenya erga qaamolee nageenyaa waliin mari'atanii booda karaa bansiisanii nagaan bu'eera jedhan.

Dargaggoota keenyatti fayyadamuudhaaf qaamoleen humna jabeeffatanii deemaa turan jedhamanii shakkaman kan to'annoo jala oolan akkuma jiran, eenyu jeequmsa ammaan tana babal'achaa jiru qindeessaa akka jiru bal'inaan qoratamaa jiras jedhaniiru.

''Qaamni kun eenyurraa ergama fudhate, eenyutu isa gargaare eessa maadheffate kan jedhurratti qorannoo geggeessaa jirra, yeroo dhiyoo keessatti ifa baasna'' jedhan.

Yaada Dubbi-himaa ABO

Rakkoo uumamaa jiru keesumaa gara lixa Oromiyaatti waraanni Bilisummaa Oromoo bobba'ee jiru harka keessaa qaba jedhamuun komatamuusaarratti dubbi himaan ABO Obboo Toleeraa Adabaa dubbisneerra.

''Mootummaan biyya bulchaa jiru Adda Bilisummaa Oromoorratti duula adeemsisaa tureera, duulli kun maqaa ABO xureessuuf jecha tarkaanfii addicharratti fudhatamufaa dabalata'' jedhan.

''Dhiha Oromiyaatti gochaawwan akka karaa cufuu fi nama ajjeesanii Adda Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Oromiyaarratti haqachaa turan malee kun ejjennoo waraana ABO miti'' jedhan.

"Keessumaa ammoo Magaalaa Najjoo keessatti Obbo Geetaachoo Addisuu kan Kantiibaa Magaalattii turan, nama Amantii ta'uudhaan hawaasa tajaajilaa kan jiranirratti tarkaanfiin suukanneessaan fudhatame eenyuun akka ta'e ummanni hiriira ba'ee wayyaaneedha jedhee himateera," jedhu.

Namoota maallaqaan namatti bituudhaan nama ajjeesisuun akka dhaabbatu gaafataniiru Obbo Toleeraan.

Kanaaf Adda Bilisummaa Oromoos waraanni isaas gochaa akkanaa keessaa harka hin qabu, gochaa karaa cufuus ta'e nama ajjeesuu keessaa ABO'n waa tokkollee hirmaannaa akka hin qabne mirkaneessuun barbaada,'' jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo hamilee ittiin uummata Oromoorratti tarkaanfii akkanaa fudhatu hin qabu, dhaabni keenyas waan akkasiitti nama hin bobbaasne hin bobbaasus jedhu.

Tarkaanfii fudhachuun yoo barbaachise diina ummata Oromoo, kan ummaticha miidhuuf deemurratti malee namoota akka Geetaachoo Addisuurratti ejjennoo akkasii fudhachuuf hamilee akkasii hin qabu''jedhan.

Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessa socho'aa jiraachuusaa kan hin haalle Jaal Toleeraan ergamni waraanasanii diina Oromoorraa loluu, dhimma Oromoo irratti waliin hirmaachuuf karaa nagaan socho'uudha malee kaayyoo karaa cufuufi nama haala suukanneessaan ajjeesuu hin qabu jedhan.