Daataa Mobaayilaa: Hindiin addunyaarratti gatii rakasaa maaliif qabaachuu dandeesse?

Hir'isuun gatii daataa biyya Hindii isa baayyee gadii aanaadha jedhameera. Akka gabaasa BBC haaraatiin, kunis biyyattii addunyaarratti gatii daataa isa gadaanaa akka qabaattu taasiseera.

Barreessaan teeknolojii Praasaanto K Roy akkas jechuun ibsee ture.

Kubaaniyoota UK keessaa caqasuunis, daataan mobaayilii GB 1 $0.26, Hindii keessatti ammoo $0.20 yoo ta'u, Ameerikaatti ammoo $12.3, UK'tti $6.66 fi juddu galli garii addunyaa $8.53 dha.

Garuu fayyadamtoonni Hindii baayyenis GB tokkootti $0.10 gadii aka kanfalan himu. Maamiltoonni UK fi Ameerikaas keessaa ammoo kan qorannoon jedhuun gadi kanfalaa akka jiran himu.

Gatiin dhugaa kamiyyuu ta'ulleen garuu, wanti ifaan jiru garuu, gatiin daataa mobaayilaa biyya Hindii kan biyya kamu caalaa rakasa ta'usaati. Kunis tajaajila dhiyeessitoonni maamiltoota baayyee argachuuf kan taasisan ta'u himama.

Soraav Seen Landaniitti gorsaa invastimantii akka jedhaniitti, tajaajila mobaaliya isaatiif ji'atti gatii buna sinii sadii hanga afurii ykn $13 kanfala. Kunis tajaajila sagalee fi barreessama hindaangeeffamnee, karaa roaming tiin ammoo tajaajila sagalee fi daataa mobaayilaa GB 3 karaa EU ni argamsiisa. Kanaafuu kana caalaa hinbarbaadu. Kanaan alattis WiFi bilisaa eessayyuu ni jira.

Biyya Hindii magaalaa Gurgaaon keessatti konkolaachisaa Raamnz Maandaal bilbila bilisaa hindaangoofneef ji'atti $3 kanfala. Isaanis daataa 4G dhaaf 42GB, guyyaatti GB 1.5 argata. Kanaanis WhatsApp dhaan bilbiluufi viidiyoo dowwachuuf akka fayydamu hima. Kunis egaa GB tokkootti saantiima 6 gadii kanfaluu jechuudha. Kunis gatii Mr Seen Landaniitti daataa 4G isaatiif kanfalu irra harka 70n rakasa.

Dhiyeessaan tajaajila Mr Mandaal, Reliance Jio dagaggeessa kan ta'e, gatii rakasaan gabaa Hindii sochoosaa jira. Kunis daataa mobaayilaa saffiisaa fi bilbila bilisaa dhiyeessuun. Jio Fulbaana bara 2016 irraa kaasee keennaa bilbila bilisaa yaalii dhiheessuun ture kan baatii jaha keessatti maamiltoota miliyoona 100 argach danda'e.

Waggoota lama keessatti ammoo, Jio biyya Hindii keessatti dhaabbata tajaajila tele dhiheessu isa guddaa sadaffaa ta'u danda'e. Hanga Mudde 2018ttis maamiltoota miliyoon 280 argateera. Innis bilbila Jiophone kan abbaa 4G (garuu kan smartphone) hintaane akka kennaatti kenna. Bilbilichis appiiwwan Hindii beekamoo lama; WhatsApp fi Facebook kan hojjatu yoo ta'u, WiFi ni hojjata.

Hindiin xumura bara 2018tti fayyadamtoota birodbaandii mobaayilii miiliyoona 500 ol geessee jirti, akka to'ataan telekomiin Hindii TRAL jedhetti. Garuu kanneen miliyoona 18 ta'an ammoo birodbaandiii sararaatti fayyadamu. Namoota biliyoona 1.17 biyyattii keessatti argaman keessaa, %55 kanneen magaalaa jiraataniidha. Guddiinni fayyadama broodbaandii mobaayilii irra caalaanis Jio irraa kan dhufeedha.

Dhiyeessaan tajaajila telekomii duraaniis egaan Jio waliin dorgomuun dirqama itti ta'eera. Kunis gatii daataa 4G hirisuun. Konkolaataan Dehilii jiraatu kan biraa Kaalipaadaa Saasmaal gama isaatiin gara Jio dhaquu akka barbaadu hime, garuu kan inni dura tajaajila irraa argatu Airtel ji'aan daataa 40GB $6 gadiin dhiyeessuuf karoora qabaachu dhagahu hima. Daataan kunis baatii jahaaf kan turuu fi tajaajila vidiiyoo Amazon bilisaa waggaaf kan hammatu waan ta'eef Airtel waliin turuuf murteessu dubbata.

Jio garuu biyya Hindiitti gatii daataa garmalee gadi buse. Gaaffii guddaan dhuguma gabaan haala kanaan itti fufaa? kan jedhuudha. Xinxaltoonni damee kanaas, Jio maamiltoota argachuuf tajaajila kennu deegaraa jira. Kanaanis dorgomtoota xiqqeessaa jira. Wayita Jio kana ifa taasisuutti dorgomtoota 10 isa waliin ture. Amma garuu afru qofatu hafe.

'Gatiin daataa ni dabala ta'a'

Tiraafkiin gadaanaan dorgommii cimaadhaan kan ka'ee, 'dhiyeessitii fayyadamtootaan olii' hedduu ta'een, fayyadamtoonni gatii tajaajila argataniifi kan kanfalu barbaadaniin gadii kanfalaniidha jedha Oggannaa Waldaa Tajaajila Selulaar Hindiyaa, Raajaan Maatiiwos.

"Dhugaatti dhiyeessitoonni tajaajilaa gabicha keessatti invastimantii haguugguu, qulqulina netiworkiifi teknolojii haaraa itti fufuu kan barbaadan yoo ta'e, gatii gadaanaan itti hinfufu, jedha Mr Maatiiwos.

"Indusitirii kanaaf kaappitaala dijitii qeenxee gadaanaa irraa argama. Kanaafu dhiyeessitoonni gatiisaanii irra deebiin ilaalu qabaatu, haala kana sirreessuuf.''

Gatiinis ni ka'a.

Mukesh Ambani, dura taa'aan Industiriiwwan Reliance garuu Jio guddachuuf ammalleen dandeettii isaa waldhakkaatti fayyadamuun carraawwan heddu qaba jedhu. ''Invastimantii dabalataa malee maamiltoota keenya baayyifachu dandeenya,'' jedhaniiru tibba walgahii kubaaniyichaa kan waggaa baatii Adoooleessaa gaggeeffamee ture irratti haasaa taasisaniin. Kunis wayita Jio maamiltoota miliyoon 215 qabaachaa tureedha.

Garuu gatiin daataa ni dabala, sababii 'haalli dorgommiin telekomii Hindiyaa' kun kan itti fufu hintaaneef, jechuun rogeessi morgoota dijitaal Nikhil Pahwa kan dubbatan.

Wayita ammaa kanattis bu'aan kubaaniyoonni telekomii argachaa jiran xiqqaachuun dhiibbaa Jio irra gahuun gara zeerootti dhiyaacha jira.

''Osoo Jio kana hinlabsiin, dhiyeessitoonni tajaajilaa kan biraa gatii dabalaa turan,'' jedha Mr Pahwa. ''Gatii hirisuun kun ammoo akka waan umamu taasiseera. Kanaafu amma gara dhiyeessitoota tajaajilaa afuriitti gadi buneera. Gatiin ol ka'uufis yeroo qofa fudhata. Bakka isaa duriittis ni deebii'a.''

Maddeen Jio tti dhiheenya qabuu fi akka maqaan hineeramne gaafate tokkoos, gatii ammaa kan itti fufu miti garuu daldalaan gaariidha jedheera.

Kanaafuu konkolaachiftoonni, warreen nyaata bilcheessn, baqattoonni, barattoonni fi kanneen biroos fayyadamni daataa mobaayilaa biyya Hindii waggaa lama keessatti harka 10n dabalu isaa ni himu. Kunis ji'aan GB10 ol akkuma tilmaamaan kan biyya Ameerikaa keessa jechuudha.

Dhiyeessitoota tajaajilichaa gara biraa irraa WiFi bilisaa argachuuf carraa gadaanaa waan qabaniif, konneekshinii Jio kan dursa kanfalamu akka mummeetti itti fayyadamu. Yeroo baayyees akka SIM kaardii lamataatti bilbila isaanii keessatti qabaachuun, bilbila sagalee bilisaa fi ammaaf ammoo daataa mobaayilaa kan addunyaarratti rakasa ta'eetti gargaaramaa jiru baayyeen.

Haalli akkanaa kun biyyoota guddinarratti argamaniifi dhiyeessitoota tajaajila telekomunikeeshinii tokko qofa irratti hundaa'an bira yoom gaha laata?