''Kaayyoon teele lakkoofsa fayyadamtoota mobaayilii guddisu qofa miti'' jedhaniiru Dr Abiy Ahimad

Kaayyoon dhaabbata letekomunikeeshinii lakkoofsa fayyadamtoota bilbila harkaa baayyisuu qofa osoo hintaanee tekinojoolii odeeffannoo bal'isuudha jedhaniiru.

Lakkoofsa fayyadamtoota bilbila harkaa baayyisuun kaayyoo industirichaa keessaa tokko yoo ta'u, irra caalaa kan ta'u malu dameewwan akka fayyaa, sirna barnootaa, bulchiinsa motummaa karaa elekitronikaafi sirna galii hammayyeessu fa'i kan hammatuudha jedhaniiru.

Walumaagalattis tajaajilawwan ummanni irratti komii dhiyeefatu ammayyeessuun tajaajila gahaa akka kennanniif gargaaru yoo ta'u, teleen biyyattii gama kanaan maal irratti akka argamu mana marichaaf ifa ta'u himaniiru.

Walumaa galattis, dhaabbatichi bu'aa guddaa haa argatu iyyuu malee sharafa inni biyyaaf argamsiisu garuu garmalee gadi bu'aa dhufeera kan jedhan Ministirichi, kunis bilbilli biyya alaatii bilbilaman karaa seeraa alaa ta'usaaniti jedhaniiru.

Mootummaan yoo dhaabbileekunneen gara abbootiin qabeenyaa dhuunfaa keessati akka hirmaatan jedhuus, nama dhuunfaas ta'ee dhaabbilee damee barbaachisuun gahumsaa ogummaa fi muuxannoo gahaa fi milkaa'ina gaarii argamsiise qofa jechu ta'ulleen ibsaniiru. Haa tahu malee adeemsichi qorannoo fi of eeggannoo cimaas kan raawwatamu qabaatudhas jedhan.

Kana malees qaamoolee dhabbilee kanneen gara dhuunfaatti naanneessuun balaa qabaata jechuun sodaataniif, muxannoo kana duraa irraa ka'uun kan maddee waan ta'eef ammaa adeemsa addaa akka hordofamu ibsaniiru.

Kanaafuu shaarii inni guddaan harka motummaa akka turu, yoo xinnaate persantaan shan kan ta'u lammiilee Itoophiyaa biyya keeessaafi biyya alaa jiran kan keessatti hirmaatan akka tasifamuuf yaadame ibsaniiru. Kana jechuunis namni maallaqa qabu tokko qofasaa akka dhaabbata barbaadu hindhunfannee kan ittisu ta'u dabaluun himaniiru.

Fakkenyaafis tajaajila teleen amma kennamaa jiru gahaa akka hintaane yoo himan, kaayyoo guddaan lakkoofsa fayyadamtoota bilbila harkaa qofa miti. Takii kun gakee tokko ta'u mala garuu kaayyoon waliigalaa gama maraan jiruufi jireenya ummatichaafi hojiilee mmotummaa teeknolojiin akka deegaraman taasisuudha jedhaniiru.

Haa ta'u malee guddina dinadgee biyyattiin barbaaddu galmeessuuf dhaabilee mootummaan qabanii turan gareen ykn gutummaan gara abba qabeenyaatti ceesisuuf eeggannoo cimaan barbaachisa jedhaniiru.