Itiyoo-telekoom gatii hir'isuu isaa beeksise

Itiyoo-Teelekoom tajaajilawwan kennuu garaa garaa irratti gatii hir'isuu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir'isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe.

Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir'isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera.

Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara saantima 50tti hir'atee jira.

Tajaajilli intarneetii moobaayiilaa Meegaabaayitii tokkotti saantima 35 ture gara saantima 20tti hir'atee jira. Haaluma wal fakkaatuun tajaajilli ergaa gabaabaa tokko duraan saantima 35 ture gara saantima 20tti hir'atee jira.

Hir'isi gatii kunis har'a irraa eegalee hojiirra oola.

Hir'isa gatii dhaabbatichi taasisee kana Hojii raawwachiftuu muummee Itiyoo-telekoom Aadde Firehiiwot Taammiruu waabeffachuun miidiyaaleen biyya keessaa kan gabaasan.

Galmeen bilbila moobaayilii bara darbe jalqabamee tures har'aa irraa eegalee dhaabbatuu isaas Itiyoo-telekoom beeksiseera.

Itiyoo-telekoom hannaa fi daldala seeraan alaa ittisuuf jedhee ture bara darbe galmee bilbila harkaa kan eegale.

Dhaabbatichi kana yaa jedhu malee namoonni, galmee kana duuba kaayyoon dhoksaa jira jedhanis hin dhabamne.