Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ET302: Namni Yaareediif rifeensa sirreessu, 'Haati isaa yoo na agartu ilmikoo ni dhufa naan jetti' jedha
Yaareed Taklee jedhama. Naayiroobii jiraata. Hojii rifeensa sirreessuu hojjeta. Kaapiteen Yaared maamila isaa ture. Waahee Yaareed kana nutti himeera.
Kaapteen Yaareed rifeensa isaa ana biratti ture kan sirreeffatu. Yeroo dheeraaf maamila kiyya ture. Keessatuu wayita boqonnaa isaaf Ayyaana Qilleef wayita gara Naayiroobii dhufu rifeensa isaa sirreeffachuuf ana bira dhufa.
Ani erga namni du'ee waa'ee namaa kana sana jechuun natti hin tolu. Garuu dhugaan sitti hima, Yaareed nama addaa ture.
Amalaa fi adaba qabeessadha. Nama kabaja. Hunda walqixa ilaala.
Wayita rifeensa sirreeffachuuf dhufu maatiisaa waliin dhufa. Jaalalli maatiisaaf qabu waan addaati,kabajni inni kennuufis akkasuma.
Abbaansaa Dr.Geetaachawnis maamila kiyya. Waliin dhufu turan. Yaareed garuu yeroo baayyee haadhasaa walin ture kan dhufu. Haati isaas hojii waan qabduuf Sanbata yookiin Dilbata ture kan dhufan.
Haadhasaa waliin jaalala addaa waliif qabu,konkolaataallee hin oofsistu, jaala qabduuf irraa kan ka'e.
''As Naayiroobii kana daandiinsaa gaarii miti, baayyee dhiphaadha, kanaafuu anatu oofuu qaba, siif hin ta'u,'' jettiin turte.
Haatisaa yeroo akkanni ishee waliin ta'u barbaaddi.
Wayita inni dhufu an Afaan Kiswaahilitiin itti dubbachuun barbaada, inni garuu Afaan Amaaraatiin caccabsee natti dubbachuu barbaada.
Bakka an jiru kana kan inni dhufuuf, jaalala lammiilee Itoophiyaaf qabuuf malee bakka gurguddaa deemee sirreeffachuu danda'a.
Harmeensaa Afaan Amaaraa hin danda'an, inni garuu fedhii qaburraa kan ka'e utuma shaakaluu boodarra sirriitti bare.
Dhiiga Itoophiyummaa qabaachuunsaa, daandii qilleensaa Itoophiyaa keessa hojjechuunsaa akka daranuu isa gammachiise dubbataa ture Kaapteen Yaareed.
Oduu waayee balaa xiyyaaraatiin namoonni dhumuu wayitan dhagahe Yaareed keessa jira jedhee tasumaa hin yaadne.
Asuma mana rifeensaa itti sirreesuu kana keessattin utuun hojiirra jiruu ''balaliisaan xiyyaaricha maatiinsaa walakkaan Keeniyaadha,'' oduu jettu dhagahe.
Wayitan oduu kana dhagahu baayyeen naye, Yaareed ta'uusaati jedheen ofitti dubbadhe.
Isa booda yeroo ulfaataan gaddaan dabarse. Wayitan tasgabbaa'u maatiisaa birattin bilbile.
Isa booda borumtaasaa gara Westland maatisaa bira deemeen boo'e.
Haati isaa baayyee nama gaddisiisti. Akka waan ilmishee dhufeetti na ilaaltee boosse. Na hammattee boosse.
''Ilmi kiyya Yaareed ni jiraa bar, si bira dhufuuf jira,'' naan jettee booyaa turte. Du'asaa amanuufillee rakkachaa turte.