Balaa Xiyyaaraa ET302: Kadhannaan gaggeessaa Kaapiteen Yaareedif godhame

Balaa xayyaaraa ET302 Dilbataan lubbuu ka dhabe balaliisaa xayyaarichaa Yaareed Mulugeetaa Geetaachoof akka sirna amantaa Islaamaatti salaatni gaggeessaa taasifameeraaf.

Kaappiteena ganna 29 kanaaf Kibxata galgala, sirni kadhannaa gaggeessaa magaalaa qarqara galaanaatti argamtu Mombaasaatti, Masjiida beekamaa Baaluuch jedhamutti taasifame.

Namoonni dhibbaan lakkaa'aman kadhannaa gaggeessaa kanarratti kan hirmaatan yommuu tahu, kadhannaan kunis 'salaat al jaanaazaa' jedhama.

Gosti salaataa kunis maatiin Yaareed, reeffi isaa ni argama jedhanii abdii waan hin qabneef, salaata kana bakka reeffi hin jirretti taasisan jechuun gaazexeessaan BBC Waazir Kaamsin dubbateera.

Intarneeta gubbaa barreessuun ka beekamu jiraataan Mombaasaa Ommy Dallah, viidiyoo sirna gaggeessaa kanaa maxxanseera. Viidiyoo kanarrattis obboleessi kaappiteenichaa gama mirgaan mullata.

Kaappiteena Olaanaan Yaareed, haatisaa lammii Keeniyaa wayita tahan, abbaan isaa ammoo lammii Itopphiyaati. Maatiin hedduun magaalaa Mombaasaa jiru waan taheef, Mombaasaan akka manaatti lakkaa'ama.

Sirna salaataa kanarratti namoota argaman keessaa falmaan mirga namoomaa Keeniyaa Munir Mazrui fi abbaan hoteelaa Mohaammad Hersii argamu.