Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Wallagga Bahaattii balaa konkolaataa kaleessa mudateen namoonni 18 du'an
Kaleessa konkolaataan deddebisa uummataa namoota fe'ee deemaa ture aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka labuu jedhamtutti galagaluun lubbuun namoota 18 battalumatti darbuu Itti Gaafatamaan Diviziyoona Nageenya Tiraafikaa Qajeelcha Poolisii Godina Wallagga Bahaa himaniiru.
Konkolaataan deedebisa uummataa koodii 3 oro taheefi lakkoofsi gabatee isaa 26296 tahe magaalaa Naqamtee irraa gara aanaa Eebantuu magaalaa Qeelloo deemaa akka ture itti aanaan Inispeektera Firoomsaa Solomoon BBCtti himaniiru.
Balaan kun kan dhaqqabe guyyaa keessaa sa'a shanitti yoo tahu mariin konkolaatichaa konkolaachisaaf ajajamuu diduun balaan kun dhaqabuu himaniiru.
Konkolaatichi akkuma namoota fe'ee jirutti hallayyaa ykn qilee keessa bu'uun miidhaa suukaneessaa kana dhaqqabsiise.
Lubbuun namoota 18 dhiira 12 fi dubartoota jahaa yeruma sana yoo darbu namoota namoota 10 dhiira shanii fi dhalaa shan irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan dhaqqabuu himaniiru.
Akkasumas namoota 23 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan yoo gahu kanneen lubbuun oolan konkolaataa lafa qotuuf ooltu Iskaavateriidhaan gargaaramuun akka bahan Inispeekter Firoomsaan himaniiru.
Namootni miidhamanii lubbuun oolanis yaalii argataa jiraachuu himaniiru. Konkolaachisaa fi gargaaraan walumaan lubbuun isaanii waan darbeef namoota meeqa fe'ee deemaa ture kan jedhuuf ragaa guutuu hin argannes jedhaN Inispeekter Firoomsaan.
Inispeektar Firoomsaan bakki konkolaatichi itti galagale irraan gadee hamaa tahuu himuun daandichis caccabaa fi boodatti hafaa tahuu himaniiru.
Konkolaataan kun Naqamteedhaa namoota fe'atee yommuu bahu rakkoo teeknikaa akka hin qabne mirkaneeffannera jedhan.
Haaluma wal faakatuun torban darbe konkolaataan deddebisa uummataa rakkoo teeknikaa qaba jedhame magaalaa Shaambuu irraa gara Naqamtee osoo deemaa jiruu iddoo laga Jimaa jedhamu Haratoo fi Baakkoo gidduutti galagaluun lubbuun namoota 17 darbuu Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Dassaleny Tarrafaa himaniiru.
Konkolaatichi humnaan ol fe'ee deemaa turuu fi yeroo tajaajila isaa kan fixatee ture tahuus himaniiru.