Haleellaa Keeniyaa: haleellaa hoteela DusiitD2'n namoonni ajjeefaman 21 gahan

Haleellaa hidhattootni Somaaliyaa Kibxata waaree boodaa jalqabee hoteela gatii mi'aa magaalaa Naayiroobii keessatti raawwataniin namoonni 21 ajjeefamuu mootummaan keeniyaa beeksise.

Manneen Daldalaa fi Hoteela kana keessa namootni turan kan dhibbaan lakkaawwwaman naannicha keessaa akka bahan ta'eera.

Namoonnii 28 balaa kanaan miidhaan irra gahe hoospitaalotatti waldhaanamaa jiraachuu fi namoonni 19 hanga ammaa eessa akka bu'an hin beekamu jedhe, dhaabbatni Fannoo Diimaa Keeniyaa.

Gaareen hidhattootaa Somaaliyaa keessaa socho'u al-Shabaab balaa kan raawwachuu dubbateera.

Pireezident Uhuuruu Keeniyaatta duula qaamni nageenyaa biyyattii balaa kan qolachuuf duuleen hidhattoota balaa geessisan shan ajjeefamaniiru jedhan.

Pireezident Keeniyaattan ''namni kamuu maallaqa gargaaruun, saganteessuufi raawwachuun yakka hamaa kana keessatti hirmaate'' dadhabne osoo hin jedhiin adamsina jedhan.

AFP'n akka jedhutti Roobii darbe sakatta'iinsa taasifameen namoonnii shakkaman lama to'annoo jala oolaniiru.

Rooyitars akka gabasetti ammoo gareen al-Shabaab haleellaa kana kan raawwateef Pireezidantiin US Donaald Traamp Jarusaaleemiin akka magaalaa guddoo Israa'eelitti beekamtii waan kenneef ''deebii haa ta'uufi'' jechuunii jedheera.

Namoota balaa kanaan ajjeefaman keessaa lammiin Ameerikaa Jaason Ispiindleer jedhamu keessatti akka argamu mootummaan AMeerikaa beeksiseera.

Obboleessi lammii Ameerikaa ajjeefame kanaa ergaa twiitararra kaaheen obolleeessi isaa balaa shoroorkeesitootaa 9/11 bara 2001 Niiwe Yoorkitti raawwate keessaa nama lubbuun ooluu danda'ee ture jedheera.

Harmeeen Jaason miidiyaa NBC'tti yoo himtu ilmi ishee ''biyyoota addunyaa sadaffaa keessatti, gabaa cimaa jiru keessatti jijiiramni gaariin akka dhufu yaalaa ture.''

Namni lammuumaa Inglizii fi Afrikaa Kibbaa qabu qabuu fi jaalala kubbaa miilaaf qabuun hedduu beekamu James Odu'oor jedhamuus namoota ajjeefaman keessaa tokko akka ta'e qondaaltootni Briteen himaniiru.

Hiriyyoonni lameen keeniyaa, yeroo hedduu gargar hin deeman jedhaman Abadallaa Dahiiroo fi Feeyisaal Ahamaad jedhamanis hoteela kanatti osoo laaqana waaliin nyaatanii ajjeefaman.

Namootni firri jalaa du'e gaddaa fi sirna awwalchaa raawwachuu eegalaniiru.