Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gosoota bunaa dhagessanii hin beekne garuu baduuf jiran
Qorannoon waliigalaa haala bunni addunyaa irratti argamu gamaaggamu gosoota bunaa addunyaarratti beekaman 124 keessaa harki 60 fiixee badiisarra jiru jedhe.
Mukkeen bunaa 100 ol kanneen dhugaatiif oolan lama dabalatee uumamaan bosona keessatti kan biqilaniidha.
Bunni daggalaa qabeenya bunaa addunyaa itti fufsiisuuf barbaachisaa waan ta'eef bu'aan qorannoo kanaa nu yaaddeseera jedhu saayinstistoonni.
''Osoo bunni daggalaa hin jiru ta'ee, hangi buna amma addunyaan dhuguu hin argamu ture'' jedhu Dr. Aroon Deeviis.
Qorannoon barruu 'Science Advances' jedhamurratti maxxanfame hojiileen kununsaa buna daggalaaf godhaman ''gahaa miti'' jedheera.
Akka qorannoo kanaatti goosoota bunaa jiru jedhaman 124 keessaa 75 baalaan baduu isaan mudateera, 35 yaaddoo kan hin qabne yommuu ta'u haala goosota bunaa 14 hafanii adda baasuun rakkisaa ta'eera.
Buna daggalaa jiran keessaa harki 28 naannoolee kuniinfamaniin alatti argamu, sanyiin isaanii kan baankii sanyiitti ol kaahames baayyee muraasa jedhameera.
Qoraannoon lammataa 'Global Change Biology' irratti bahe ammoo gosti buna Arabikaa kan daggalaa, Jijjiirama qilleensaa wajjin walaqabatee yaaddoo keessa waan jiruuf sadarkaa 'threatened under official' jedhu jalatti ramadameera.
Baayyinni gosa buna kanaa, bara 2088 tti walakkaan ykn isaan oliin sababa jijjiirama qilleensaa qofaan hir'isuu mala jedhame tilmaamama.
Gosti Bunaa Arabikaa kan daggalaa kun warreen buna omishaniif akka sanyiit tajaajiluun caalatti funaanamees gabaarra oolaa jira.
Itoophiyaan bakka argama gosa buna Arabikaati.
''Fayidaa bunni Arabikaan Itoophiyaafi Addunyaaf qabu hubachuun, balaa jireenya gosa bunaa kana mudatu hubachuuf waan hojjechuu dandeenyu hunda hojjechuu qabna'' jedhu Foramii naannoo fi buna daggalaa Finfinneerraa kan ta'an Dr. Taaddesee Woldamaariyam .
Bunni daggalaa maali? Maaliif barbaadnaan?
Namoonni buna dhugan hedduun gosoota bunaa jiran hedduu keessaa gosoota lama Buna Arabikaa fi Robustaa jedhaman qofa akka dhugan hin beekan. Garuu bifa garaagaraa hedduun isaan fayyadamu.
Gosootni buna daggalaa hafan 122 ta'an, dhugamuuf dhamdhama gaarii hin qaban, haata'u malee 'jiiniin' isaanii misoomee biqiltuuwwan bunaa jijjiirama qilleensaa fi dhibee dandamachuun gara fuula duraatti akka jiraachuu danda'an ni gargaaru.
Fuula duratti gosti bunaa addunyaa hunduu akka kunuunfamaniif waamicha goona jedhu qorattootni.
Addunyaarratti bunni daggalaa hedduun bosana Afrikaa fi odolawwan Madagaaskaar keessatti argamu. Afrikaan alatti ammoo kutaalee Indiyaa, Sirilaankaa fi Awustiraaliyaa keessattis hedduminaan argamu.
Gosoonni bunaa addunyaan dhugaa jiru Robustaa fi Arabikaa ta'aniis, gosti biraan Liberikaa jedhamu hanga muraasan dhugamuutti jira.