Abiy Ahimad: Gaggeessaa biyya isaa fayyisuuf waadaa gale

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad haaromsa gurguddaa cunqursa gama siyaasaan ture hambisurratti xiyyeeffatan heddu labsuudhaa galateeffatameera jedha barreessaa fi Gulaalaan BBC Afrikaa Fergaal Kiin gabaasa isaa erga Itoophiyaa daawwatee deebi'ee barreessen.

Ummanni buufata xiyyaaraa Jimmaatti kumaatamaan akkaa'aman bahuun simannaa taasisanis gammachuufi sirba olaanaan kan guutaman turan.

Garuu, gareen sirbitootaa akkasii kunis yeroo baayyee gaggeessitoota cicimoo Afrikaa keessaa wayita galaniifi deebii'aniitti simannaa fi ggeessaaf taasifamudha.

Dhiiraa fi dhalaa, jaarsaa fi jaartii akkasumas daa'imman xixiqoon illeen osoo hin hafiin olkaafamanii ummata daandii guute olitti baatamuun, aggeessitoota siyaasaa gahaa jiran ilaaluuf bahanii ture.

Manguddoon tokkos ''baay'ee gammannerra'' jedhan sagalee isaanii kan baandii poolisootaan ol kaasuun. Waggota dheeraaf kan eegaa turre dha. ''Kun nuuf haaromsa dha [renaissance] jedhan.''

Ce'umsa gara haaromsaatti

Egaa nuyis Abiy Ahimad waliin jirra. Xiyyaara isaa irraa bu'ee miiraafi haala eegdota nageenyaa isaa ilaalee gara namoota isa simachuuf bahaniitti gale.

Daa'ima tokko ofitti qabee dhungate, jaarsa achi ture tokkoos ofitti qabee hammate, jechuun taajjabbii isaa itti fufe Fergaal Kiin.

Anis akka dhunfaatti waa'ee kutannoo inni qabu fi abdii egeree biyyitti yaadeen dinqisiifadhes jedhe. Biyyoon Afrikaan nama akkasii muraasa kan argite beekttu jedhu.

Ogganaa dargaggeessa umuriin waggaa 42 ardii Afrikaa keessa jiruu yoo ta'u, dhiibbaan inni taasee garuu kan umurii isaatiin oliiti.

Haa tahu malee dhiibbaa inni gama siyaasaan fide umurii isaatiin ol bilchina kan qabudha jedhe.

Wayita baatii sagaliin dura paartiin isaa ADWUI akka Ministira Muummeetti isa fileetti, biyya uumata miiliyoona 100 ol qabduufi baayinuma kanaan ardii afriikaatti lammaffaa kunis, battalumaan biyyattii gara siyaasa abbaa irree irraa gara haaromsaatti geeddare.

Akkasumas wal dhabdee waggota 20 Eertiraa waliin ture xumuruun, biyya keessaa ammoo hidhamtoota siyaasaa kumaatama gadhiisise. Miidiyaaleen bilisoomsuun akkasumas kaabinoota isaa wallakkaa dubartootaan guute.

Akkasumas paarlaamaan biyyittii muudama dubartootaisaa fudhachuun ishee pirezidaantummaa mana murtii olaanaaf dhiyeesse raggaasise.

Waggoota 14 dura, Burtukaan Miidhaqsaa ji'oota 18'f mana hidhaa erga turteen booda gara Ameerikaa deemte.

Yeroo Abiy waamicha taasiseef akka isheen boordii filannoo dursitu muuduu dhageessu akkuma warra kaanii baay'ee dinqisiifannaan fudhatte.

''Miiliyoonota tahuu baatanis Kumaatamni jijjirama kana fiduuf aarsaa guddaa kaffalaniiru'' jette Aadde Burtukaan.

'Qawween osoo hin taane yaadatti fayyadamaa'

Jijjiramichi Dr Abiyi ammayyuu hudhaalee ammayyuu isa mudachaa jiran irratti xiyyeeffata.

Wayitan eebba barattoota medikaalaa Yunivarsiitii Jimmaa irratti isa argeettis, ''Yaadaan malee qawweetti hin fayyadamiinaa'' jechuun barattootaaf waamicha dabarse.

Fakkeenya akka Jaappaan fa'aa, kan waraana Addunyaa Lammaffaan booda dinagdee hammayyaa'aa ijaaruun bayyanachiseen gorsaa ture.

Dhugaawwan murteesso: Waa'ee Abiy Ahimad irratti

  • Adoolessa 15 1976'tti Abbaa Musiliima fi haadha Kiristaana tahan irraa dhalatan
  • Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Ingiliffaa fi Afaan Tigiree haalaan bareechee dubbata
  • Bara 1990tti qabsoo sirna Dargii irratti gaggeefamaa turetti makame
  • Bara 1995 ammoo ergamaa nagaa kabachiisaa UN ta'uun Ruwaandaatti ergaman
  • Bara 2010tti siyaasatti galan
  • Bara 2016'tti yeroo gabaabaaf Ministira Saayinsii fi Teeknoloojii ta'uun tajaajilan
  • Eebla bara 2018 keessa ammoo Ministira Muummee ta'an

Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa tahe addunyaa irraa haa qabaattu malee, ammayyuu dargaggoonni hedduun hojii malee jiru.

Garuu Abiy dinagdee bilisaa mirkaneessuun malaammaltummaa kan dhabamsiisu tahe, dargaggonni humna carraa jiru tahuu danda'au.

Kanaan ala garuu gufuu tahuu danda'a.

Itoophiyaa keessa sabaa fi sablammoonni 80 ol jiraatanis, wal qoqqooduun waggoota dheeraaf waan hidda gadi fageeffate tureedha.

Bara darbe immoo wal qoqqoodinsi kun Lixa biyyittii keessatti haalaan ol ka'ee waan tureef lammiilee miiliyoona 1.4 tahan qe'ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuu danda'eera jedha gabaasni Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii.

Walumaagalatti, yeroo dhiyootiin as lammiileen miiliyoona 2.8 tahan qe'ee isaanii irraa kan buqqa'an yoo tahu sababii guddaan biraa ammoo waldhabdee daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduutti uumame tureedha.

Waggoota kurnan darban keessa mootummaan wal dhabdee akkanaa kana tasgabbeessuuf humnaa fi seeroota hamoo tahan fayyadamaa tureera.

Quuqqaafi aariin ture kun bara 2016 keessa dhohuun mul'achuu jalqabe.

'Ammas cimina sagalee Abiy keessaa'

Hiriirrii nagaa gurguddaan saba Oromoon gaggeefamaa ture Ministirri Muummee yeroo sanaa Haayilamaariyaam Dassalanyi akka taayitaa irraa bu'uuf kakaaseera.

Booda ammoo Abiy Ahimad akka filamuuf dhiibbaa gurguddaa gochaa turaniiru.

Abiy Ahimad Ministira Muummee saba Oromoo irraa yeroo jalqabaaf filatame yoo tahu, inni ani gaggeessee lammiilee Itoophiyaa hundaa akka tahe irra dedeebiin dubbateera.

Yeroon Jimmatti isa arguu jedhe Fergaal Kiin, ati biyya akkasitti wal qoqqoodde kana tokkummeesuu dandeessa jedheen gaafadhe jedhe.

Tuta namootaa achi turan irraa achi bubutan eegdotni isaa. Innis gaaffii kana hordofee xiqqoo callisee asii fi achi ilaalee sagalee isaa ol fuudhuun: ''Eeyyee, sirriitti male'' nan jedhe.

Yeroo darbes Komishiniin Nagaa fi Araaraa hundaa'e rakkoo kana furuufi.

Haa tahu malee gufuu guddaa tahuu kan danda'u heera mootummaa biyyittii sabummaa irratti hundaa'uun naannolee qoqqoodudha.

Mirga sabaafi sablammii kabajuun yaada tokkummaa biyyaa ijaaru irratti hojjechuun ammoo tarkaanfii siyaasaa fi seeraa hojiirra oolchuu barbaada.

Haaromsawwan Abiy kan bara 2018

  • Caamsaa - Hidhamtoota siyaasaa kumaatama gadhiisise
  • Waxabajji: Labsii yeroo muddamaa kaase
  • Adoolessa -Pirezidaantii Eertiraa waliin tahuun wal dhabdee gidduu isaanii ture dhaabuuf walii galan
  • Fulbaana: Daangaa Ethiyoo Eertiraa cufamee ture bansiisan
  • Onkoloolessa: Wallakkaa kaabinoota isaa dubartooa muude
  • Sadaasa: Dursituu paartii morkataa duraanii Burtukaan Miidhaqsaa Boordii Filaannoo Biyyaalessaa gochuun muude

Naannoo Tigiraay isa kaaba biyyattiitti keessa ammoo raafa guddaatuu tureera.

Sabni Tigiree lakkoofsaan xiqqaa tahanis bulchiinsa duraanii keessatti garuu idoo hedduu qabatanii ture.

Yeroo dhiyoo kana ammoo dhalattotni Tigiree humna waraanaa, nageenyaa fi abbootii qabeenyaa tahan sarbama mirga namoomaa fi malaammaltummaan himatamaa jiru.

Imala yeroo tokko Tigiraayitti taasiseen, jarri yeroo tokko humna guddaa qabaataa turan amma qoodamsi isaan mudachuu yoo dubbatan dhagaheera.

Ministirri Komunikeeshinii duraanii Obbo Getaachoo Raddaa, Tigiroonni amma akka farra jijjiramaatti ilaalamaa jiru jedhe.

Akka gaggeessitootni Tigiraay duranii qofti yakka hojjetaniitti gaafatamaniitii ilaalama jedhe.

Michuu Abiy akka tahe kan himu Geetaachoon, biyya kufuuf turte diigumsa irraa oolche jedhe.

Inni hojiiwwan waggoota kurnanii turtii ji'ootaa keessatti gadi busee hojjate jedhe.

Abiy amma hanqina humnaa hin qabu saffisa guddaan hojjechaa jirra jedhe.

Naannoo Tigiraayitti jiraattotni ani dubbiselleen gaggeessaa akka cimaatti isa ilaalu jechuun barreesse.

Eelsaa Tesfaayee qonnaan bultuu naannoo daangaa Eertiraa jiraattu yoo tahu, yeroo waraana Ethiyoo-Eertiraa obboleessa ishee dhabdeetti.

Isheen Abiyyiin nama nagaa fideef akka tahettii amanti. ''Kanaaf isan galateeffadha'' jette.

'Lallabaa Haaromsaa'

Eelsaan haala qoqqodinsa sabaan tahaa jiru ilaalchistee ''yoo haala kanaan itti fufa tahe ilmikoo injiinariingii barachaa jiru naannoo biraa deemee hojjechuu danda'aa kan jedhu na yaaddessa'' jette.

Jiijiramichi gaariidha. Yoo jibbinsii fi wal qoqqooduun hafe natti tola jette.

Abiy nama amantaa Pheenxeeqostaalii hordofu yoo tahu, haaromsa isaa keessattis barsiisota kanneen itti fayyadamuunsaa waan hafu miti.

Gaaffii guddaan jiru osoo itti fayadama humnaa kanaan duraa turetti hin deebi'iin haala wal qoqqoddaa fi wal dhabdee mul'ataa jiru hiikuun hanga filannoo bara 2020'tti ce'uu danda'aa kan jedhu dha.

Yeroo Abiy Jimmaa gadhiisee bahuuf jedu dubbisuuf yaaleen ture. Akkataa aadaa biyya isaaniitti na hammachuun na dhungatee na dubbise jedhe Gaazexessaan kun.

Adunyaan fakkeenya Itoophiyaa fudhachuu qabdi naan jedhe. Argitee akkaataatti uummanni waliin jiraatu natti hime. Buqqa'iinsa uumameen alattis abdiitu haasawa isaa hunda irraa mul'ata.

Garuu jidduu haaromsaatti gaaffii ilaallatu irratti cimina akka qabu ni beekama.

''Waanti si dhaabu jiraa?'' gaaffii jedhuuf, ''tasumaa'' jechuun shakkii tokko malee naaf deebise.