Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarlaamaa: Komishiniin daangaa maaf barbaachise? Aangoofi kaayyoonsaa hoo?
Manni maree Bakka Bu'oota Ummataa oolmaa isaa har'aatiin labsii wixinee hundeessa Komishiinii Daangaa Bulchiinsaa fi Dhimmoota Eenyummaa raggaasiseera.
Naannoo Tigraayi adeemsichi seeraan ala, heeras ni cabsaa waan ta'eef hinfudhannu jechuun ijjannoosaa ibsuun kan dhagahame torbanuma kana keessa ture. Mee barreefama kana dura dhimma kanarratti oggeessota seeraa dubbisuun qindeessine dubbiifadhaa.
Labsiin wixinee kunis sagalee miseensoota mana marichaa 313 kan argate yoo ta'u, kanneen 33 ammoo mormaniiru. Kana malees miseensoonni 4 kan biraa sagalee osoo hinkenniin hafaniiru.
Mootummaan ammoo hundeeffamuun komishinichaa, murtoo daangaa bulchiinsaa, ofiin of bulchuu fi gaaffiiwwan dhimmoota eenyummaa ilaalchisee irra deebiin ka'aniif haala waaraa ta'een furmaata ni kenna jedhama.
Komishiiniin Daangaa Bulchiinsaa fi Dhimmoota Eenyummaa maaliidha?
Komishiniin lakkoofsi miseensota isaa motummaan murtaa'u kunis, gaaffiiwwan dhimmoota bulchiinsa daangaa fi eenyummaa ilaalchisuun ka'an irratti yaada furmaataa dhiyeessa malee aangoo murtee dabarsuu hinqabu.
Haaluma labsii komishinicha hundeessuuf bahee kanaattis komishinichi haala qaama kamiyyuu irraa bilisa ta'een hojiisaa raawwata jedhameera.
Komishinichi maaf barbaachise?
Gaaffileen biyyattitti dhimmoota daangaa bulchiinsaa fi eenyummaan wal qabatee bakkeewwan garaa garaatti ka'aa jiranis dhibiinsa tasgabbiifi nageenyaatiif madda ta'unsaanii bal'inaan himamaa jira.
Kanaafuu hundeeffamni komishiinichaa gaaffiiwwan kanneenniif haara waaraa ta'een furmaata keenuuf akka gargaaru ni hima.
Komishinichis ifaa fi haala saayinsaawaa ta'een daangaalee bulchiinsaa, ofiin ofi bulchuu akkasumas walitti bu'iinsa eenyummaan walqabatan qorachuun yaada furmaataa ummataaf, manneen marii lamaanii fi qaama hojii raawwachiiftuuf akka dhiyeessuuf kan hundeeffamu.
Hojii fi Aangoon Komishinichaa maaliidha?
Walitti bu'iinsawwan daangaa bulchiinsaa, ofiin ofi bulchuuf eenyummaan walqabatan hunda gadi fageenyaan erga qorateen booda yaadawwan furmaataa ministira mummee fi Mana maree Federeshiniitiif haala gabaasaatiin dhiyeessa.
Walitti bu'iinsawwan daangaalee bulchiinsaa fi gaaffilee eenyumaatiin walqabatanii ka'aa hiikamanii, dirqama haala walitti dhufeenyi gaariin naannoolee ollaa jiddu jiruu itti cimuu mijeessuu qabaata jedhameera.
Miseensoonni Komishinichaa eenyu fa'i?
Labsiichi ''kanneen muxannoo hoji isaanitiin hawaasa keessatti fudhatama qabanii fi maqaa gaarii qaba ta'u'' jedha. Wayita haala moggaasa komishinichaa ibsuuttis, lakkoofsi namoota miseensa komishinichaa ta'an motummaan kan murta'u yoo ta'u, dura taa'aan komishinichaa, ittaanaan fi miseensoonni biraa eeruu ministira mummeetiin Mana maree Bakka Bu'oota Ummataatiin kan mirkanneefamu ta'a jedha.
Gaaffiiwwan Komishinicha hundeessuu irratti ka'an maal fa'i?
Miseensoonni mana marichaa labsii wixiinee hundeefama komishinichaa mormanis, naanoolee fi qaamooleen dhimmichi ilaalatu osoo balinaan irratti marii hintaasisiin dura hariitiin raggaasisuun sirrii miti jedhaniiru.
Kana malees, heera mootummaa ni deega, aangoo mana maree Federeshiniis ni dhiiba jedhaniiru.
Haala kanaan faallaa ta'een ammoo, miseensoonni hundeessama komishinichaa deeggaran, labsichi koreewwan dhaabbataa lamaan erga qoratameen booda akka heera mootummas ta'ee labsiiwwan kan biraatii wal hinmormiin erga mirkaneeffameera.
Kana malees komishinichi aangoo murtee dabarsuu waan hinqabaanneefu aangoo mana maree Federeshinii gonkumaa hindhiibu jedhaniiru.