Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiibbaa labsinii yeroo muddamaa damee turiizimiirratti qabaatu
Tasgabbii dhabiinsii siyaasa Itoophiyaa waggoota sadii lakkofsisee, bainsa lubbuu fi qabeenyaa hedduutiif madda ta'usaatiin alatti, dinagdee biyyattii irrattis dhiibaa qabaachuu oggeessoon damee kanaa ni himu.
Haal tasgabbii dhabiinsaa biyyattii keessa tureen walqabatee labsiin yeroo muddamaa baatii tokkoon dura labsamees dameewwan dinagdee tokko tokko irratti dhiibbaa taasisu akka hinollee sodaasaanii kan ibsa jiru.
Dammeewwan nagaa dhabuu miidu keessaa tokko turizimiidha. Ministirri Aadaafi Turizimii amma labsichi damee kana hin miidha jedha. Miseensoonni damee kanaa BBC dubbise tokko tokko labsichi damee kanarratti dhiibbaa akka qabaatu yaaddoo qabaachu dubbatu.
Hojii gaggeessaan hotela magaalaa Gondaritti dowwattoota lammiilee biyya alaatiin fayyadamu tokko akka jedhanitti, haalli tasgabbii naannoo Amaaraatti argamu gaarii ta'ulleen, labsichi hojiisaanirratti dhiibbaa akka hinqabaannee wabii hinqabnu jedhaniiru.
Ragaa yaaddoo isaanii cimsu yoo eeran, ammaanuu garee dowwattootaa namoota 20 qabu imala saanii duraan galmeessan haqaniiru jechuu akka fakkeenyaatti kaaseera. ''Amma baayyinni dowwattootaas akka duraa miti. baayyee hir'ateera,'' jedhaniiru.
"Keessattu akeekachiisa Imbaasiiwwan labsichatti aansuun baasaniin dowwattoonni karoora dawwannaa saanii ni haqu,'' jedha.
Obbo Bisiraat Aklilu oggeessi hojii dowwachisuus labsii bahee caala akeekachisa biyoonni baasanitu lakkoofsa dowwattootaa irratti dhiibbaa taasisa jedhaniiru.
''Dowwaattoonni gara laalibalaa deeman sababii labsichaatiin hangas xiqqaachu baatuyyuu, Harar irratti garuu dhiibbaansaa olaanaa ture, jedhu oggeessi kun. Itti dabaluunis ''Rakkinni lansichaa inni guddaan wajjiraalen wabii wabii kennu waan didaniifiidha. Kunis baay'inni dowwattootaa hirachu keessaatti gahee olaanaa qaba,'' jedhan.
Waggoota lamaan dura damichi baayyee akka miidhamu kan taasisee, waan biyyoonni awurrooppaafi Yunaayitid isteet lammiileen isaanii gara Itoophiyaatti hin imalle waan akkeekachifteef ture.
Labsichi jiraachun mataansaa keessattu namoota maatiisaanii walin deemanniif sodaachisaa yoo ta'u, haalli nageenyaa kan tasgabaa'e yoo ta'e garuu dameen kun omaa miidhamu akka hindandeenye, obbo Bisiraat ni dubbattu.
Minisiteera Aadaafi Turizimiitti Daarektara sabqunnamtii ummataafi addunyaa Obbo Gazaahanyi Abaata akka jedhanitti, bbara faranjii darbee keessa dowwattoonni lamiilee biyyoota biraa kuma 264 ta'an dhufuun Itoophiyaa dowwataniiru.
Gaaffii tasgabbii dhabiinsi waggoota darban keessa oromiyaafi naannoo Amaaraa bakkeewwan muraa keessatti turan wayi damee turizimii kanarratti dhiibbaa taasisanii jedhuuf deebii yoo kennan, dhiibbaa muraasa qabaachunsaa hinolu jedhaniiru.
Baay'inni dowwattootaa bara 2009 ture kan bara duraa irraa dhiibbeentaa 2.2 hir'atee mulachusaa kaasaniiru. Gabaasni kurmaana bara 2010 akka mul'isutti ammoo lakkoofsi namoota dhufanii baayyachaa jiraachusaa Obbo Gazaahanyi ni dubbatu.
Labsiin tibbana labsamees hagas mara damee kana irratti dhiibbaa ni taasisa jedhanii akka hinamannee kan dubbatan daarektarichi, labsichi nageenyaafi tasgabbii kan deebiisu ta'usaafi yeroon doowwattoonni baayinaan itti dhufan darbusaa akka sababaatti caqasu.