Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qorannoo sarbama mirga namoomaa tarkanfii itti aanu ta'uu qaba'
Tarkaanfiin labsii yeroo muddamaa kaasuuf motummaan Itoophiyaa taasiee qorannoo sarbama mirga namoomaatiin hordofamu qaba jedhe dhaabbanni idil-addunyaa Amanastii Intarnaashinaal.
Deebii oduu murtee paarilaamaan Itoophiyaa labsicha kaasuuf har'a dabaree ilaalchisuun ibsa dhaabbatichi baaseen, daarekarri Afriikaa Bahaa, gaanfaafi Gireeti Leeksii Jo'aan Nyaanyuki akka jedhanitti, ''murteen labisicha kaasuuf paarlaamichaan dabarfame sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti hundee gadi faggeefattee tureef tarkaanffii gaariidha,'' jedhaniiru.
''Haa ta'u malee, aangawwoonni Itoophiyaa amma haqa mirkanneessuufi saba mirga namoomaa wayita labsii yeroo muddamaa keessa raawwatamaniif beenyaa kanfalu qabaata. Kunis ajjeechaawwan hinmirkanoofne, dararamaa fi miidhaawwan sukkanneessoo dhala namaarratti raawwataman, akkasumas gochiiwwan miidhoon walfakkaatoon akka itti hindeebineef tarkaanfii murteessaa fudhachu qaba,'' jedhaniiru.
Kana malees, ministirri Mummichaa Dr Abiyyi labsii daangeessoo ittiin sagaleen ukkaamsama ture kan akka labsii farra shororkeessummaa fi labsii dhaabbilee miti motummaa fooyyeessuun ykn haquun hawaasaafi eddo saaquuf hojii gaarii hojachu qabas'' jedhaniiru.