Itoophiyaa: Omishni jikita boba'aa Ogaadeen dhaabbate jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Omishini jikita boba'aa naannoo Somaalee Ogaadeenitti sadarkaa yaalitti oomishamu eegalamee ture adda cituu isaa Ministirri Albudaa fi Boba'aa beeksise.
Oomishii yaalii jikita boba'aa kan adda citeef hanga wayita oomishamuutti gubatee baduurra, industiriiwwaniin akka gumaataatti dhiyeessuuf kubbaaniyaan misoomsaa jiru kana raawwachuuf heeyyama isa dandeessisu hanga mootummaa irraa argatuutti ta'u himameera.
Akka gabaasa ETVtti, kubbaaniyaan Chaayinaa damee omisha kana irratti hirmaate Pooliisiijaa'el yoo heeyyama argate guyyaatti jikita boba'aa barmeelii 450 ta'u akka omishu, daarektarri komunikeshiiniifi qunnamtii ummataa ministira albuudaa fi boba'aa obbo Miikaa'eel Mangashaa dubbataniiru.
Kubbaaniyaan kunis heeyyama wayita argateetti ammoo warshaale simintoo fi ofilaaliitiif jikita boba'aa ni dhiyeessa jedhameera.
Kunis cilee dhakaa bakka bu'uun fedhii warshaalee bakka bu'uu akka danda'ulleen himameera.
Kubaaniyaa kunis baatiiwwan muraasan dura sadarkaa Ogaadeen naannoolee Kaalub fi Hiilaalaa jedhamanitti omisha yaalii eegalee ture.
Haaluma kanaanis bollawwan sadii keessaa guyyaatti boba'aa barmeela 150 yaaliif baasuuf karoorfatee itti galu illeen, bollaa tokko qofaa keessaa barmeela 50 baasuun hajjachaa turu isaa ragaan argame ni mul'isa.
Oomishinni yaaliif omishamaa tures warshichaan faayidaawwan adda adadaatiif jiraattoota naannichaaf kennamaa turusaa himameera.
Naannoo Somaalee bakkeewwan Kaaluub fi Hiilaalaa jedhamaniitti gaaziin umamaa tarkaanfii kubiika (cubic feet) tiriliyoona 10 argamu isaafi omisha kanas biyya alaatti erguuf akka danda'amuuf ujummoon waggoota sadii keessatti diriirfamee akka xumuramu ministirichi beeksisuu midiyaan biyya keessaa ETV'n gabaaseera.
















