Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imman Bhutan walitti maxxananii dhalatan gargar ba'an
Doktaroonni Awustiraaliyaa daa'imman Bhutan walitti maxxananii dhalatan gargar walirraa baasan.
Daa'imman umurii ji'a 15 kunneen maqaansaanii Niimaa fi Daawaa Peelden jedhamu.
Mormaa fi mataan alatti qaamni gara biraan walitti maxxaneeti kan dhalatan. Tiruu tokkoon dhalatan.
Ji'a darbe haadhasaanii waliin Hospitaala Meelbarni geeffaman.
Daa'imman soorata madaalawaa haalaan hanga fayyadamanitti utuu eegnu har'a genye jedhu doktaroonni.
Garee baqasanii yaaluu geggeessaa turan kan dursan Dr. Joe Crameri wal'aansi sa'atii ja'atti xumurame milkaawaa ture jedhan.
Daa'imman lameenuu amma haala gaariirra jiraachuus ibsan.
''Hojii keenyaan milkoofnee oduu gammachiisaa haadha daa'imman kunneenii dhageessisuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru'' jedhan Dr. Crameri.
Yaalii baqasanii yaaluu daa'imman kanaaf Hospitaala Daa'immanii magaalaa Meelbarnitti taasifamerratti ispeeshaalistoonni 18 hirmaataniiru.
Daa'imman walitti maxxananii adunyaarratti muraasa.
Daa'imman 200,000 keessaa tokko ta'u kan walitti maxxananii dhalatan.
Dhibbeentaa 40 hanga 60 kan ta'an ammoo lubbuun turuuf carraa qabu.
Niimaa fi Daawaan walitti garagalanii walitti maxxananii dhalatan, qofaa qofaa taa'uu hin danda'an, yoo dhaabatanis walumaani.
Doktaroonni amma tiruu daa'imman kunneenii adda baasaniiru.
Mar'imaanni daa'imman lameenii tokko miti, doktoroonni akka walittii baasuu danda'an abdiidhaan itti seenan.
''Akka milkoofnu abdiin nu keessa tureera. Garuu dhummi isaa maal akka ta'u sirriitti hin beekuu hin dandeenye ture'' jedhan Dr. Crameli.
Dhaabbata tola ooltumaa Awustiraaliyaa 'Children First Foundation' jedhamutu daa'imman kunneen mana yaalaatti fide.
Isteet of Viiktooriyaan ammoo baasii tajaajila wal'aansaa doolaara Ameerkaa 225,000 kenneeraaf.