Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuziyeen Boolt kilebii kuba miilaa Awustiraaliyaa Senteraal Koosti Maariners gadhiise
Yuziyeeen Boolt kilebii Awustiraaliyaa Senteraal Koosti Mariiners waliisain turtii taasise xumuruu beeksise.
Shaampiyoonaan fiigicha gabaabaa yeroo saddetii Boolti umurii ganna 31'n shaakalaaf yeroo turtii hin beekamneef ji'a Adoolessaa keessa gara kilebichaatti kan makame.
Tapha michummaa irrattis kilebichaaf galchiiwwan lama lakkoofsiseera. Haa tahu malee erga dorgommiin bara kanaa jalqabee kilebichaaf hin taphanne.
Maddeewwan galii argachuun Boolt tursiisuf yaali kilebichi taasise waan hin milkoofneef amma gadhiisee bahuuf murteesse.
Jalqaba yeroo Boolt gara kilebichaa dhaqu dhaabbileen garaagaraa kilebicha waliin hojjechuuf fedha agarsiisaniyyuu boodarra milkaa'uu hin dandeenye.
Abbaan qabeenyaa kilebichaa Maayik Chaarlesworz turtii Boolt torbanoota saddetiif kilebicha keessatti taasiseef galateeffatee yeroo shaakalaa milkaa'aa tures jedheera.
Dabalataan gareesaa waliin haala gaariin wal baruun jijjiramoota gurguddaas akkuma taphataa kubba miilaatti fidee ture jedhe.
Abbaan rikardii fiigicha m100 fi m200 taphataa kubba miilaa sirrii [professionala] taphachuun ''abjuukoti'' jedhe.
Boolt abbaa qabeenyaa kilebichaa, deeggartoota, fi gaggeessitoota kilebichaa hundaa simannaa fi turtii isaan waliin taasiseef galateeffateera.
Atileetiksii irraa bara 2017 soorama kan bahe Boolt ergasii kileboota akka Birooshiyaa Doortimondi, kilebii Afrikaa Kibbaa Maamelodi Saandaawons fi kilebii Noorwey Istroomsgodseet waliin shaakalaa hojjechaa tureera.