Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetiin Keeniyaa dorgommii Maraatoonii osoo dursaa jiru konkolaataan dhahame
Atileetiin Keeniyaa dorgommii maaraatonii Kolombiyaatti osoo fiigaa jiruu konkolaataadhaan dhahame.
Jooseef Kiproonoo Kiptuum, Kolombiyaa magaalaa Medeliinitti fiigicha maraatooniichaa dursaa osoo jiruu ture konkolaataan namoota daandii cufaa jiran bansiisuuf deemaa turte tasa kan rukutte.
Kiproonoon atileetii ganna 30 yoo tahu dorgommicha xumuruuf marsaa xumuraarraa gara sarara dhumaatti dhiyaatee ture yeroo balaa kanaaf saaxilame.
Atileetichaaf achuma daandii cinatti erga yaaliin kennameefii booda gara hospitaalaatti geeffamee erga yaalii gahaa argatee booda bahee jira.
Atileetiin kun amma fayyaansaa haala gaarii irratti kan argamu yoo tahu, osoo hin rukutamne tahe dorgommicha sadarkaa tokkoffaan xumuruu danda'a ture.
Atileetiin Keeniyaa biraan Daani'eel Muyiindii Muuteetii jedhamu sa'a 1:03:45tti galuun mo'achuu danda'eera.
Qindeessitootni dorgommichaa akka jedhanitti gareen kenna tajaajila ariifataa Kiproonoo yeroodhaan akka yaalamu taasisaniiru jedhan.
Kanaaf ogeessotni yaalii kennan akka jedhanitti cabni lafee isa mudateeru hin jiru garuu qaamnisaa madaa'uu himaniiru.
Fuuldurattis haala sodaachisaaf kan isa saaxilu miti jedhan.
Kiproonoon dorgommicha magaalaa lammaffaa Kolombiyaa kanatti bara 2015 mo'atee ture.
Qindeessitootni akka jedhanitti sarara xumura dorgommichaa irratti namni dhuunfaan dorgomu biraan gana 38 tahe Kaamiiloo Arbooleedaa jedhamu dhibee onneerraa kan ka'e achumatti lubbuunsaa dabarteetti.