Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
IAAF: Atileetii cimaa bara 2018 badhaasuuf atileetota xumuraa 10 ifoomse
Waldaa Federeeshinoota Atileetiksi Idila Adunyaa badhaasa atileetii cimaa bara 2018'f atileetota dorgoman 10 ifa taasise.
Badhaasa kana irratti gama dhiirotaan Itoophiyaa irraa Qananiisaa Baqqalaa fi Haayilee Gabresllaasee qofatu injifatee beeka.
Gama dubartootaan Almaaz Ayyaanaa, Ganzabee Dibaabaa fi Masarat Daffaar yeroo garaagaraatti injifataniiru.
Bara 2016 gahumsa olaanaan bara dorgommichaa kan xumurte atileet Almaaz Ayyaanaa badhaasicha atileetii cimtuu barichaa tahuun mo'atteetti.
Keeniyaa waliin atileetiksiin morkachuun kan beekamtu Itoophiyaan bara kana gama dhiirotaanis ta'e dubartootaan badhaasichaaf kan kaadhimame tokko hin qabdu.
Dhalattuu Itoophiyaa kan taate garuu biyya Neezarlaandiif kan fiigdu atileet Siifan Hasan dubartoota 10 badhaasichaaf kadhimamam keessaa tokko.
Torban kun yeroo atileetii cimaan bara 2018 filatamudha. Waldaa Federeeshinoota Atileetiksi Idila Adunyaa mudde 4 Firaans magaala Monaakootti atileetota ciccimoo bara 2018 badhaasa.
Bakka buutonni ardiilee jahaa filachuu danda'anii fi ogeessonni atileetiksii hanga sanatti atiletota ciccimoof sagalee isaani kan kennan yoo tahu abbaan mo'ate xumura irratti ibsama.
Dhiirotaan atileetii cimaa bara 2018'f kudhan keessa kan galan
Ximootii Cheeruyot [Keeniyaa]
Fiigicha 1500m fi Maayila tokkoon dorgommiilee 11 keessaa sagal injifateera.
Shaampiyoonaa Diyaamand Liigiiti
Dorgommii [Commonwealth Games] jedhamuu fi Shaampiyoonaa Afrikaa irratti lammaffaa tahuun xumureera.
Keeniyaan atileetota ishee filachiisuun Afrikaa irraa biyya jalqaba irra jirtudha.
Eeliyuud Kipchoogees [Keeniyaa]
Rikardii Maraatoonii erga bara 1967 qabamee ture cabsuun Berlinitti shaampiyoonaa ture.
Eeliyud Kipchoogeen Maraatoonii Landan irrattis shaampiyoonaa tahuun xumure.
Atileetii biraan ammo Imaanu'eel Koorir yoo tahu erga bara 2012 as fiigicha 800m dhaan atileetii saffisa guddaa galmeesse tahuun tureera.
Bara kanas shaampiyoonaa Diyaamandi Liigii tahuun xumureera.
Armaandi Duublaantis [Iswiidin], Kiristaan Koolmaan [USA], Noohi Liilis [USA], Luuvoo Manyoongaa [Faransaay], Keevin Maayer [ RSA], Abderraahman Saamba (QAT) fi Toomaas Waalsh (NZL) filamaniiru.
Dubartootaan atileetii cimaa bara 2018'f kudhan keessa kan galan
Diinaa Ashar-Ismiiz [Gireet Biriteeyin]
Champiyoonaa Yuuroopifi fiigicha meetira 100, 200 fi ulee wal harkaa fuudhuu 4x100'n dursituu addunyaa.
Biyatiriis Chepkooch [Keeniyaa]
Fiigicha gufachiisaa 8 xumuraaf geesse keessaa 7 injifatteetti, san keessaa kan riikordii addunyaa itti qabatte jira.
Siifan Hasan [Nezarlaandis]
Chaampiyoonaa Yuuroop fiigicha meetira 5000, fiigicha meetira 3000 duree addunyaa.
Fiigicha mana keessaa meetira 1500 fi 3000 meedaliyaa argachuu dandeesseetti
Katariin Ibaarguween [Kolombiyaa], Maariyaa Lasitskene [Biyya kamiifu kan hin fiigne], Shoonee Miiler-Uyiboo [Baahireen], Saandiraa Perkoovich [Kirooshiyaa], Kaaster Semaaniyaa [Afrikaa Kibbaa], Nafisootu Tiyaam [Beljiyam] fi Anitaa Loodaariziik [Poolaand]
Filannoon kun karaa sadiin kan murtaa'u yoo tahu inni jalqabaa %50 kan qabatu sagalee mana maree federeeshinichaan kennamudha.
Deeggartootni fi matiin ispoortessitootaa sagalee isaani karaa Feesbuukii, Tiwiiterii, fi Inistaagiraamii kennuu danda'u.
Kun walumaa galatti %25 kan qabatu yoo tahu kan hafe ogeessotaan kan filatamu taha.
Xumura irratti atileetonni cicimmo dhiiraa fi dubaraa bara kanaa shan erga ifa bahanii booda kallattumaan injifattotni wal tajjii irratti kan ibsaman taha.