Odeessaaalee gaggabaaboo addunyaa Onkolooleessa 2, 2018

Itoophiyaa

Bulchiinsa Puntiilaand, magaalaa daldalaa kan taatee Bosaasootti lammiileen Itoophiyaa sadii hidhattoota gareen mootummaa Islaamaa (IS)n yoo ajjeefaman tokko madaa'un barame.

Zimbaabuwee

Zimbaabuween tamboon diinagdee biyya koo guddisaa jira jettee. Baankiin gidduugaleessaa biyyattii gurgurttaan olaanaa tamboofi haaromsi diinagdee adeemsifamaa jiru biyya keenya yeroo dhiyootti Afrikaa irratti akka olaantu taasisa jedheera.

Keeniyaa

Poolisiin keeniyaa lammiilee Chaad lamaafi lammii Keeniyaa tokko maallaqa sobaa shilingii Keeniyaa biiliyoona 1 tahu wajjiin to'annoo jala oolcheera jedhe.

Namooti kunneen Naayiroobii naannoo westilaand jedhamu manuma keessa jiranitti qabaman.

Somaaliyaa

Humni waraanaa Ameerikaa Somaaliyaatti milishoota sagal ajjeese. Komaandiin Ameerikaa Afrikoom jedhamu deebii haleellaa Alshebaab wiixata kaleessaa mootummaa Somaaliyaa irratti godheef kenname dha jedheeera.

Haleellaa qilleensarraan taasifameen namni nagaa tokkoyyuu hin miidhamnee jedheera.

Xaaliyaan

Kantibaan magaala Rees, kibba Xaaliyaaniitti argamtuu, godaantota seeraan alaa 'ishoo baga dhuftan' jechuun simattaniittu jedhamuun hidhaa bu'aniiru. Kantibaan Doominikoo Luukaanoo jedhaman kun godaansaaf jecha namoota gaa'elaaf qindeessaa turanis jedhamaniiru.

Zaambiyaa

Gaazexaan Zaambiyaa afaan Chaayinaa mandariin jedhamuun maxxansa jalqabee. Gaazexaan Times Zambia jedhamufi mootummaa biyyattiin dhuunfatamu ijoo dubbisaa har'aa jecha pireezidantii biyyatti ''gara bahaafi dhihaa hin ilaallu kan nu faana deemu waliin gara fuulduraa deemna'' jedhu waraabuun jalqabee.

Afrikaa Kibbaa

Qopheessaan raadiyoo Afrikaa Kibbaa Hot 91.9Fm jedhamuu hogganaa paartii mormituu, jaldeessa jedhee waamuun hojii irraa ari'ameera. Miseensa paarlaamaa, bilisummaa diinagdeef falmu Juuliyees Maalemaadhaani qopheessichi sagantaa raadiyoorratti '' namoonni ammayyuu jaldeessa kana dhaggeefatuu?'' kan jedhe.

Ameerikaa

Gabaan onlaayinii guddichi addunyaa keenyaa Amaazoon hojjeettotaa isaa Ameerikaafi UK mindaa dabaleera. Kana booda Amaazoon keessatti hojii gad-aanaa namni hojjetu sa'aatiitti qarshii 418 titu kaffalamaaf. Amaazoon dhaabbata guddaa doolaara tiriiliyoona 1 baasu dha.